header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

COVID-19 UPDATE JUNE 03,2020

Ministeerri Fayyaa Sa’aa 24 dabre keessa qoronnoo geggeefameen namoota 142 irratti vaayirasiin koroonaa argamuu beeksise
Ministeerri Fayyaa ibsa Aba’aa har’aa baaseen, qorannoo laabiraatoorii sa’aatii 24 darban keessatti namoota 4,120 irratti geggeeffameen, namoota 142 irratti vaayirasiin Koroonaa argamuu beeksise.
Namoonni vaayirasichi irratti argame dhiira 84 fi dubartii 57 yoo ta’an, namoonni 140 lammiilee Ityoophiyaa, tokko lammii Porchugaal tokko ammoo lammii Jibuutii tahuu ibsame.

Namoota kanneen jidduu 126 jiraattota magaalaa Finfinnee, 1 naannoo Somaalee, 2 naannoo Affaar, 7 naannoo Oromiya irraa yoo tahan, 6 ammoo jiraattota naannoo Amaaraa tahuu ibsi ministeerichaa ni addeessa.

Haaluma kanaan Ityoophiyaa keessatti baay’inni namoota Vaayirasii Koronaatiin qabamanii 1,486 kan gahe yoo ta’u, namoonni 246 ammoo dhibee kanarraa fayyuu ibsame.
Dabalataanis ministeerri Fayyaa ibsa har’a baase kanaan, namni sadi du’uu beeksise. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota sababa vaayirasichaatiin du’anii 17 gahee jira.

COVID JUNE 3 UPDATE

7 Comments

  1. اسلام عليكم ورحمة الله وبركاته yaa Rabbii Amrii jabatee muluu nuu lafisii yaa Rabbii Halla kenaa lalltee nutii hin dalanin badiin nutii beytuu maraa iraa nuu tarii yaa Rabbii nutii sitii irkanee situu irkoo namaa hin daysinee tawakaltuu Allalah kan darbee Allahmdulilah kaan Araa tawakaltuu Allalah kaan boruu inshaa Allah

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button