KoroonaaOdeeyfannoo

COVID-19 UPDATES June 12, 2020

Ministeerri Fayyaa Sa’aa 24 dabre keessa qoronnoo geggeefameen namoota 245 irratti vaayirasiin koroonaa argamuu beeksise

Ministeerri Fayyaa ibsa Jum’aa har’aa baaseen, qorannoo laabiraatoorii sa’aatii 24 darban keessatti namoota 5,709 irratti geggeeffameen, namoota 245 irratti vaayirasiin Koroonaa argamuu beeksise.

Namoonni vaayirasichi irratti argame dhiira 172 fi dubartoota 73 yoo ta’an, namoonni 241 lammiilee Ityoophiyaa tahuu ibsame.

Namoota kanneen jidduu 190 jiraattota magaalaa Finfinnee, 15 naannoo Tigiraay, 3 naannoo Amaaraa, 16 naannoo Somaalee, 3 naannoo Hararii, 17 jiraattota naannoo Oromiyaa yoo tahan, 4 ammoo jiraattota naannoo Kibbaa tahuu ibsi ministeerichaa ni addeessa.

Haaluma kanaan Ityoophiyaa keessatti baay’inni namoota Vaayirasii Koronaatiin qabamanii 2,915 kan gahe yoo ta’u, namoonni 451 ammoo dhibee kanarraa fayyuu ibsame.
Dabalataanis ministeerri Fayyaa ibsa har’a baase kanaan, sababa vaayirasii koraanaatiin kaleessa namoonni 7 du’uu ibse. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota sababa vaayirasichaatiin du’anii 47 gahee jira.

Show More

...

Back to top button