header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Aanaa Gindhiir Ganda Gubarbaajaa keessatti dubartoonni barnoota Shari’aa hordofaa turan eebbifaman

Dubartoonni lakkoofsi isaanii 300 ol tahu kanneen barnoota Shari’aa hordofaa turan guyyaa har’aa haala hoo’aa taheen kan eebbifaman tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.
Dubartoonni guyyaa har’aa eebifaman kunniin manguddoota, haawwotii fi shamarran yoo tahan,   Sagantaa kana irratti ulamaa’otaa fi daa’iiwwan heddu hirmaataniiru.
isaan keessaayis:
Shekh Muhammad-Huseen Daabayee, Ustaaz Jamaal Buukoo, Munshid Ustaaz kamaal Heebboo, Amiira jama’aa magaalaa Roobee Baaleetiifi ulamaa’onni hedduun saganticharratti argamuun gorsaa fi dhaamsa barbaachisaa tahe ummataaf dabarsaniiru.

Qophii Du’aa’ii kana irratti deeggarsa masjiidaatiif kan oolu Birrii 22,000, horii 47 fi qamadiin konkolaataa tokko tahu kan walitti qabame tahuu gabaasni kun ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button