header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

COVID-19 UPDATES June 15, 2020

Ityoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasii koroonaatiin qabamuu mirkanaahe 3,521 gahe

Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa ibsa har’a baaseen, sa’aatii 24 darbe keessatti qorannoo laabratoorii 5,636 geggeesseen, nama 176 irratti vaayirasiin koroonaa argamuu beeksise. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota vayirasichaan qabamuu mirkanaayee 3,521 gahee jira.

Namoota kanneen jidduu 116 dhiira; 60 ammoo dubartoota akka tahaniifi, umriin isaanii ammoo 5-90 tahuu ibsame. Namoota vaayirasichi irratti argame jidduu tokkoo lammii biyya biroo yoo tahu 175 ammoo lammiilee Ityoophiyaati.
Iddoon jireenna namoota kanneenii ammoo 98 jiraattota magaalaa Finfinnee, 7 naannoo Somaalee irraa, 33 naannoo Amaaraa irraa, 31 naannoo Tigraay irraa, 3 nannoo Oromiyaa yoo tahan, namni lama Dirree Dhawaa irraa yoo tahu, 2 ammoo naannoo Affaar irraa tahuu ibsi ministeerichaa ni addeessa.

Dabalataanis lakkoofsi namoota dhibee kana irraa bayyanataniitis 620 gahee jira. Gama biraatiin ammoo namoonni 3 sababa vaayirasichaatin du’uu ibsame. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota sababa vaayirasichaan du’anii 60 gahuu ibsame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button