header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Donald Tramp marii nageenyaa hoggantoota Xaalibaan waliin karoorfatee ture haquu beeksise

Haleellaa dheengadda Afgaanistaan keessatti  raawwatame, kan qondaala ol’aanaa waraana Ameerika dabalatee namoota 11 galaafate,  gareen Xaalibaan itti gaafatamummaa fudhatuu isaa hordofuun, Prezdaant Donald Tramp marii nageenyaa hoggantoota Xaalibaan waliin iccitiin geggeessuuf karoorfatee ture haquu beeksise.

Tramp sabtii kaleessaa akka ibsetti, qondaaltota Xaalibaan ol’aanoo fi Prezdaantii Afgaanistaan waliin, Ameerikaa kutaa Varjiiniyaa  Masaraa Camp David jedhamu keessatti  iccitiin marii geggeessuuf Alhada har’aatti kan karoorfatee ture tahuu ibse. Tramp Ibsa isaa kanaan “Xaalibaan yeroo mariin nageenyaa kun xumura irra gahe kanatti haleellaa akkanaa  raawwatuun isaa, kana booda gareen kun nageenyi biyyattii keessatti akka bu’uuf kuttannoodhaan waligalticha kabajuun isaa nu shakkisiisee jira”jedhe.

 

Tramp itti dabaluudhaanis, Xaalibaan marii kana keessatti humna ol’aanaa ta’ee muldhachuuf yaalii godhaa jiru irraa of-qusatee,  hanga walii galtee dhukaasa dhaabuu geggeessutti , Ameerikaan mariin nageenyaa garee kana waliin jalqabde hunda dhaabuu ibse.

Xaalibaan fi Ameerikaan marii nageenyaa ji’oota 11 dabran Qaxar magaalaa Dohaa keessatti geggeessaa turan,  walii galteedhaan xumuruuf kan dhihaatan tahuu torbee dabre ibsuun isaanii ni yaadatama.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button