header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-Barruu

Dargaggootaaf! Akka barbaadamu..

©Usmaan Abdullaxif

Wiirtuun abdii hegeree, wiirtuun madaallii yaadaatii fi jaataniin taasifamtuu dargaggoota. Ciminni dargaggoota ummata kanaa, cimina Diin kanaati. Diin kana asiin gahuu keessatti dargaggoonni qooda leencaa qaban. Dugugguruu lafee duydaati. Isaantu beekkumsaan karaa Rabbii kana tiyse. Isaantu qabsaawee Diin kun akka laga hedduu cehuuf gumaata oole. Hamilee finiintuu qabaachuun Diin kun akka dagaaguuf bitaafi mirgaan sossohee warri mul’ifataa ture isaani. Seenaan kaleessaa akkuma jirutti tahee, haala qabatama amma jiruun garuu hanqinni ni mul’ata. Abdiin kaleessaa akka waan bakka hin jirreeti.

Dargaggoonni beekkumsa Diin irraa fagaatan jechuu dandeenya. Waan humnaafi qabeenya isaan irraa qisaasutti yeroo gubaa jiran. Dhugaa hunda biraan gahuuf hamileen kaleessa gaara cabsanii raaree ittiin godhan arra gara gorte mooji. Daragaggoota keenya maaltu mudate? Qajeelfamoota Diin kanaa dagatuun hillima alagaan nuuf keesse keessa hedduutu gale. Fedhii lubbuu qofa warra gabbaru tahuun fafa. Hedduutu maqaa Muslimaa kana fudhatee laga biroo oola. Kun ammoo naannawee Diin kanarratti komii kaasa. Beekkumsaan malee maqaa Muslimaa kana fudhatuun dubbii fiddi. Kanaaf namoonni hedduun haalaafi amala Muslimoota garii qalbisanii Diin kanatti seenuu sodaatan. Kanaaf Diin kanarratti ilaalchi hamaan gariin baadhatu dhufe.

Silaa, akki barbaadamu waan tokkoofi tokko qofa. Sunis, Diin kana guutumatti seenuudha. Qur’aanaafi Sunnaa irraa bakka tole qofa fudhatanii kaan itti dhiisuun sirrii miti. Okkoltoota akka hin taaneef hunduma yoo fudhatan gaariidha. Nuti bakka bu’oota ergamtoota Rabbiiti. Nuti warra kaayyoo uumamni kun marti uumameef hubate. Haqaaf dhaabbannaan, nuti warra harki Rabbii waliin jirtu. Hanga addunyaarra jirru jaatanii guddoo harkaa qabna. Mallattoo gaarii dhalootatti dabarsinee dhiifnee deemuu qabnuutu jira. Sun Ibaadhaa! Haqaan Rabbi gabbaruu tana. Haqaan akka Rabbi gabbarruuf uumamne. Malee taphaafi heewasama adda addaatin akka umrii fixnuufii miti. Keessattuu sadarkaa umrii collee dargaggummaa tanatti Diin kanaaf warraaquun murteessituudha.

Namni dargaggummaa isaatti fayyadame boru sheenaa hin qabu. Yaa dargaggoota keenya! Isinitti fayyadamee harkuma keenyaan akka diinni nu hin kaballe eegaa. Daangaa Diin kanaa isintu akkaan eeguu dandaha. Beekaa ykn wallaalaanis ergama diinaa fudhattanii akka hin raawwachiifne. Amaloonni isin calaqqiiftan qajeelfamoota Diin kanaa tahuu qaban. Gaafa amalli keessan Qur’aana fakkaate injifannoon qananiitan. Amalli keessan Qur’aanaafi Sunnaa fakkaachuu dhabuun karaa irraa maquudha. Karaa irraa maquun keessan ammoo namoota hedduu isin boodaan jiran gatantarsuu dandeysi. Adeemsa keessan laalee namni fagoo jiru Diin kun akka waan hanqina qabuutti fudhata. Sun ammoo naannawee hordoftoota gahaa hanqisee numa miidha. Diin kanaas keessummaa taasisa. Koottaa! Amaloota warra Rabbitti Kafaree dhiisaa haalaafi amala keessaniin Diin kana cimsaa. Barnoota Diin iin faayamaa. Ummanni kun ummata barachutti ajajame. Gaafa bartan, gaafa Diin kana guutumatti seentan galma Rabbiin jaalatu geysanii injifannoo adda galmeysitan. Abadan laafinni isinitti dhagahamuu hin qabu. Cimaa! Ciminni keessan cimina Diin kanaati.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button