header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Dhaabbilee Faayinaansii Ityoophiyaa gama Interneetiitiin butuuf yaaliin godhamee akka ture ibsame

Hooggantuun Dhaabbata Telekominikeeshiinii Ityoophiyaa Aadde Firehiywot Taammiru AP’f akka himtetti, yaalii gama Interneetiitiin dhaabbilee Faayinaansii butuuf raawwatame kana qolachuuf jecha, tarkaanfii Ejensiin Tajaajila Tika Interneetii Ityoophiyaa INSA’n fudhateen, guyyaa har’aa yeroo muraasaaf tajaajilli Interneetii guututti adda citee akka ture ibsite.

Aadde Frehiywot akka ibsitetti “Dhaabbilee Faaynaansii Biyyattii irratti aggaammiin raawwatamuun eega beekamee booda, falli hatattamaan dhimmicha qolachuuf dhihaate guututti Interneetii cuufuu qofa waan tureef, sababa kanaan daqiiqaa hedduuf guutuu biyyattii keessatti Interneetiin cufamee ture; rakkoo humnaa ol tahee fi tasa numuudate kanaan tajaajila interneetii addaan kutuu keennaaf dhiifama ni gaafanna”jette. Hoggantuun dhaabbatichaa itti dabaluudhaanis yeroo ammaa aggaammii kana guututti qolachuuf, ogeeyyonni dhaabbatichaa INSA waliin carraaqaa jiraachuu beeksiste.

Haata’u malee yalii dhaabbilee faayinaansii irratti godhame kanaan miidhaan dhaqqabe hammam akka tahe hin ibsamne. Dhaabbileen aggaammiin irratti raawwatames isaan kam akka tahanis wanti himame hin jiru.

Telekom1

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button