header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Ibaadaa

DHAAMSA RAMADAANAA

Simannaa Ramadaanaa



Nagayni haa dursu. Ummata keenya! Warra baranaa kan bara hedduu. Baga Rabbi ji’a kabajamaa, ji’a guddaa Qur’aanni keessatti buufame, ji’a Ibaadaan isii keessatti hojjennu mindaa dachaa qabdu, ji’a Rabbi jaalatee caalchifate kanaan isin gahe. Warra Ibaadaan ji’a kana keessa hojjetan irraa qeebalamtee gammachuun dachaa taatuuf nu haa taasisu.



Ummatoo! Haalli jiru xiqqo golommatuus Ramadaana gahuu keenyatti gammaduun haqa. Ji’a seenaa itti qabnu, ji’a halaalaa dheebotaa turreefin wal afaan dhufne. Hadiisa Abuu Hureyraan odeyseen ergamaan Rabbii Muhammad (SAW) “hoggaa Ramadaanni dhufe hulaan Jannataa ni banamti. Hulaan Azaabaa ammoo ni cufamti. Sheyxaannilleen ni hidhama” ja’an.



Tun gammachuu guddoodha. Wayta matootiin Sheyxaanaa hidhaman kanatti, hulaa Jannataa banamte seenuuf tattaaffii godhuun nu qabdi. Hadiisa Sahli bin Sa’di odeyseenis ergamaan Rabbii Muhammad (SAW) “Jannata keessa hulaa(bakka) Rayyaan ja’amtuutu jira. Gaafa Qiyaamaa warri Soommane Rayyaan kanaan seena. Isaan malee namni biroo hin seenu. Malaa’ikaan hulaa Rayyaan tanarra dhaabbattee ‘mee warri Soommanaa ture! Koottaa’ jattee Rayyaan kanatti nama afeerti” ja’an. Rabbiin warra Soommaneef Jannata, Jannata keessaahillee bakka addaa itti keessummeeffaman Rayyaan qopheesse.



Baatiin Ramadaan tun seenaa Islaamaa keessatti bakka guddoo qabdi. Lola hedduutu godhamee injifannoo Muslimaatin ji’a kana goolabame. Ramadaana keessa halkan Leylatul-Qadr Qur’aanni Lowhal-Mahfuuz irraa samii duniyaa Beytal-Izzaa tti gad buufame. Achirraa ammoo amata 23iif yeroo adda addaatti dachirratti gad buufame.

Rabbiin Ramadaana keessa Qur’aana buusuun Hikmaafi. Ji’a kana Qur’aana hedduu qara’uun, itti Salaannee itti kadhachuunii qabna. Barayyu ji’a Ramadaan kana keessa Sayyidanaa Jibriil Nabi Muhammaditti dhufee Qur’aana waliin Khattamaa turan. Kanaaf nulleen qalbii teenya Qur’aana irratti deebifnee, Qur’aana Haffaznee hiika isaa baruun, ergama isaa hubannee hojirra oolchuutti wal dorgomuu qabna.



Ergamaan Rabbii Muhammad (SAW) osuma yeroo hunda Ibaadaa godhuu, Ramadaana keessa ammoo irra jabeessa. Warra isaallee Ibaadatti kakaasa. Namni Ramadaanni itti dhufee, Ramadaana san irraa bu’aa buufatuu oole eebba akka hin qabnellee dubbatan. Ramadaana keessa Halkan jabaa tokkootu jira. Sunis Leylatul-Qadri. Halkan kun baatii 1000 caala. Halkan kana keessa Rabbiin waa hedduu nuuf barreysa. Kanaaf Ramadaana akka ji’a birootti laaluun, carraa irra geenye tana wallaallee qisaasuun hin barbaachisu.



Ji’a guddaa itti seenuuf deemnu kanaan wal qabatee “Aafownaa liLlaah! Dhiifama naaf godhi” jechuun namni hedduun ergaa waliif ergutti jira. Gaariidha! Qalbii qulqulluun Ramadaanatti seenanii, Towbatanii, Ibaadaa jabeessanii araarama Rabbii kajeeluun karaadha. Ammoo ‘dhiifamni’ dhugaa, kan nama nu maddii jiru irraa jalqabu tahuu qaba. Yeroon dhiifama waliif godhan Ramadaana qofaa miti. Kan Ramadaana afaan dhiifama namaaf godhee, Ramadaana booda ammoo afaan nama cabsu karaa irra hin jiru. Yeroo hunda dhiifama waliif goonee, dhiifama Rabbii kajeella.



Gabaabsinee wanni dhaamnu..


1. Salaata jabeessaa. Salaata yeroo isaatin alatti Salaatuun balaadha. Soommanni nama Salaata hin qabneef fayyaa hin tahu. Salaata dhiisuun inuu yakka birooti, Islaamummaa irraa bahuutti nama geysa.


2. Rahima keessan maxxanfadhaa. Haadhaa-abbaa, jaartii fi ilmaan, ollaafi nama tika keessan jala jiruttillee tola oolaa.


3. Dhugaa dubbadhaa. Arrabaafi hama irraa fagaadhaa. Yeroon yeroo Qur’aanaati. Keessattuu warri YouTube iif jecha kabajaafi ulfina namaa salphisaa ooltan guyyaa boruu jabaa san sodaadhaa. Guyyaa hojii teysan malee aanaafi aantiin, qabeenyaafi horiin humaa isiniif hin tarre san yaadadhaa. Yoo waan kheyrii dubbachuu dadhabdan cal’isaa.



“¢ Ramadaanni leenjiidha. Ji’a fedhii teenya itti tohannu.

“¢ Ramadaanni sodaa Rabbii nu qabsiisa. Haala keenya badaa akka jijjiiruuf carraa saaqa.

“¢ Ramadaanni dallansuufi boona qabnullee nu keessaa baasa.



“¢ Ramadaanni fayyaa teenyaaf gaariidha.

Ramadaanni jireenya keenyaaf Barakaadha.

Ramadaanni yerootti fayyadamuu akka qabnu caalatti nu barsiisa.


Ramadaanni obsaafi sabaata irratti nu kakaasa.

Ramadaanni hanga lubbuufi addunyaan tun salphoo ykn ulfaattu nu garsiisa.



Warra baranaa kan bara hedduu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button