header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Dhaamsi gareewwan jibba Diin Islaam qaban irraa Masjidoota Jarman keessa jiraniif ergame hawaasa Muslimaa sodaachise.

Dhaamsi gareewwan jibba Diin Islaam qaban irraa Masjidoota Jarman keessa jiraniif ergame hawaasa Muslimaa sodaachise.

Magaalota Jerman gara garaatti gareewwan ol’aantummaa ummata adii leellisan dhaabbilee Islaamaa fi Muslimaa jala bu’anii haleeluufi sodaachisuu daran kan hammeessan tahuun saaxilame. Gareewwan kanniin tohatamuu dhabuun ammoo Muslimoota yaachisaa dhufte.

Ganama kaleessa Masjida ‘Sehitlik’ kan magaalaa guddittii biyyattiitti argamuuf dhaamsi ‘Boombiin isin barbadeessina’ jedhu karaa Email-n itti ergamuu keessa beytoonni himan.

Itti gaafatamaan Masjidichaa Suleyman Kucuk, ji’a July dabre irraa kaasee dhaamsi wal fakkaatu isaan gahuu kaasan. Dhaamsichi Email warra maqaa ol’aanttumaa ummata adii leellisaniin kan “nsu@hitler.com”, jedhu irraa yeroo sadaffaaf itti ergame.

Bara 2018 keessa qofa Masjidoota magaalaa biyyattii gara garaatti argamanii fi dhaabbilee hawaasa Muslimaa irratti haleellaan 100 oltu gareewwan kanniinin raawwate. Yakka 83 ol, akkasuma arrabsoo fi dhaamsi sodaachisaanis ergamee jira. Yoo xiqqaate Muslimoota 54 irra miidhaan gahuus odeeffannoon ni ifoomsiti.

Jarman, biyyoota lixa Awrooppaa tahan jidduu Faransaayiitti aanuun biyya Muslimoota hedduu qabdu tahuun ifa.

5 Comments

  1. yaa rabbi dirmadhuuf muslimoota keetiif ummanni zaalimni akka hin miine yaa rabbi isaan san dafii xeeyiral abaabiil itti buusi

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button