header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Dhalattoonni Oromoo magaalaa Riyaad fi naannawa isii jiraatan miidhamtoota aanaa Mayyuu Mulluqqeetiif deeggarsa birrii 1,035,500 godhan

Guyyoota muraasa dura godina Harargee bahaa aanaa Mayyuu Mulluqqeetti haleellaa waraanni liyyuu poolisii raawwateen lubbuun nama 55 ol tahanii darbuu, namoonni hedduun miidhaamanii hospitaala jiraatuu fi jiraattonni aanicha 11,000 ol qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqifamuu Isiniif gabaasuun keenya ni yaadatama.

Kanuma hordofuun dhalattoonni Oromoo Sa’udii magaalaa Riyaad fi naannawa isii jiraatan maatii miidhamtootaa fi lammiilee aanicha irraa buqqifamaniif sagantaa galii walitti qabuu kan qopheessan tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Sagantaa deeggarsaa kana irratti Riyaali Sa’udii 84,206 kan waliitti qabame yoo tahu, Riyaali 38,000 ammoo waadaa akka galamee fi walumaagalatti Riyaali 122,206 (birrii Itoophiyaa 1,035,500) kan argame tahuu qopheessitoota sagantichaa beeksisan

Sagantaa deeggarsa walitti qabuuf qophaa’e kana irratti Ulamaa’onni biyya keenyaa gurguddoon argamuun kan qooda fudhatan tahuus odeeffannoon ni addeessa.
Ulamaa’onni argaman kunniin
Sheikh Ahmad Yaasiin (Sheikh Yusuuf), Sheikh Jamaal Baddeessaa, Daa’ii Abu Abdurrahmaan Oromoo,
Sheikh Muhammad Mujahiid fi Sheikh Jamaal Muusaa dabalatee kanneen birootis saganticha irratti argamuun beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button