header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Mootummaan Addi Bilisummaa Oromoo waraana isaa hidhannoo akka hiikkachiisu gaafate

Torbee darbe keessa hogganaan Addichaa obbo Daawud Ibsaa hidhannoo hiikkatuuf walii galteen mootummaa waliin godhame kan hin jirre tahuu ibsuun, Waraanni Bilisummaa Oromoo hidhannoo isaa hin hiikkanne jechuun gaaffii fi deebisaa Walta information waliin godhe irratti ibse.

Ibsa Obbo Daawud hordofuun ministeerri Deetaa dhimmoota Komunikeeshiinii mootummaa obbo Kaasaahuun Gofee Ibsa guyyaa har’aa midiyaalee keennen:
“Waamicha mootummaan dhaabbilee qabsoo hidhannoo godhaa turan dabalatee dhaabbilee morkkattootaa biyya alaa turan hundaaf godhe hordofuun, dhaabileen biyya alaa turan hundi gara biyyaatti galaanii jiru; akkasuma Addi Bilisummaa Oromootis waraana isaa qabatee gara biyyaatti gale jidduu loltoota 1300 hidhannoo hiikkachiisuun yeroo ammaa Ardaayetaa keessa too’annaa mootummaa jalatti leenjii fudhataa jira “jedhe.

Obbo Kaasaahuun itti dabaluun, Addi Bilisummaa Oromoo marii yeroo sadi Asmaraa keessatti mootummaa Ityoophiyaa waliin godhe irratti, biyyatti galee karaa nagaayaatiin siyaasaa biyyatti irratti hirmaatuuf walii galee jira jedhe. Haa ta’u malee Addichi gara biyyaatti eega deebi’ee simannaan ho’aan godhameefii booda dhimma hidhannoo hiikkachuu kaasuun barbaachisaa wan hin tahiiniif osoo hin kaafamiin hafe jedhe.

Qabsoon nagayaa yaadaan malee rasaasaan waan hin tahiniif, dhimmi hidhannoo hiikatuu dhiimma mariif hin dhiyaane waan taheef, dhaabbatichi ijjannoo isaa irra deebi’ee qooratuun akka hidhannoo hiikatu mootummaan gaafate. Haala kanaan kan hin hiikkanne yoo tahe ammoo mootummaan nageenya lammiilee eegsisuuf tarkaanfii hiikkachisuu kan fudhatu tahuu akeekkachiise.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button