header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Dhibee Iboolaa Koongoo-DRC keessatti babal’ataa dhufeen lakkoofsi namoota du’anii 500 ol dhaqqabuu gabaafame

Ministeerri fayyaa biyyattii akka jedhetti, dhibee Iboolaa ji’a August/2018  irraa jalqabee Ripaalika Dimokraatawa Koongoo gama bahaa keessatti ka’een,  hanga ammaatti namoonni 502 kan du’an tahuu beeksise. Ministeerri fayyaa biyyattii gabaasa Juma’aa kaleessaa baase kanaan, namoota Vaayirasii iboolaatiin qabamanii turan jidduu 271 qofti kan fayyan tahuu ibse.

 

Ministeerri fayyaa Koongoo DRC Oly Ilunga Kalenga akka jedhetti, biyyattii keessatti yeroo jalqabatiif talaalliin dhibee Iboolaa namoota 76, 425 kan kenname yoo tahu, kunis namoota kumaatamaan lakkaahaman dhibee kana irraa akka baraaraman kan gargaare tahuu hime. Dabalataanis dhaabbilee gargaarsaa Idil addunyaa waliin tahuun dhibee kana too’achuudhaaf duula bal’aa geggeefamaa jiruun, vaayirasiin iboolaa Koongoo irraa gara biyyoota ollaa keessumattuu gara Sudaan Kibbaa, Yugaandaa fi Ruwaandaa akka hin babal’anneef carraaqqiin godhame bu’aa kan fide tahuu gabaafame.

 

Dhibee Iboolaa kana Koongoo keessatti guututti too’annaa jala oolchuudhaaf ammas carraaqqii qindaawaa tahe kan barbaachisu tahuu gabaasichi ni mul’isa. Qondaaltonni dhaabbata fayyaa addunyaa WHO Koongoo keessa jiran akka jedhanitti,  rakoon guddaan garee isaanii muudataa jiru, namoonni dhibee iboolaatiin qabaman hojjattoota fayyaa jalaa waan dhokataniif Vaayirasiin Iboolaa salphatti daddarbaa kan ture tahuu himan. Kana malees haleellaan hidhattootaa duula dhibee Iboolaa to’aachuudhaaf Koongoo keessatti godhamaa jiru, yeroo heddu kan gufachiise tahuu gabaasni arganne ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button