header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Mootummaan Omaan Falasxiin magaalaa Ramallaah keessatti Imbaasii banuuf qophii jalqabuu beeksise

Waajjirri Ministeera haajaa alaa biyyatti ibsa baaseen, murtiin imbaasii banuu kun ummata Falasxiin gama hundaan deeggaruudhaaf mootummaan Omaan kutannoo olaanaa qabachuu agarsiisa jedhe. Haaluma kanaan  jilli ministeera haajaa alaa biyyattii yeroo dhihotti gara Falasxiin imaluun haal dureewwan barbaachisan kan mijeessu tahuu ibsame.

 

Bulchiinsi Falasxiin murtii Omaan kana gammachuun kan simate yoo tahu, Imbaasiiin banamu kun haala Sukkanneessaa Israa’el Falasxiinota irraan gahaa jirtu dhiheenyatti hordofuun, mootummaa Omaan ni hubachiisa abdii jedhu kan qabu tahuu ibse.

 

Muummichi ministeera Israa’el October dabre gara Muskaat imaluun hogganaa biyyattii Sulxaan Qaabuus waliin mari’achuu isaa hordofuun,  Falasxiinonni mootummaa Omaan irratti komii cimaa kaasuun ni yaadatama. Kanuma hordofuun ministeerri haajaa alaa Omaan Yuusuf Bin Alawi Bin Abdullah ibsa kenneen, hanga biyyi Falasxiinotaa walaba taate ijaaramtutti hariiroon Israa’el waliin Omaan qabaattu hin jiraatu jechuun beeksisee ture.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button