header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuSeenaa

Dubbiin Awwaannisaa Qur’aana keessatti ibsamtee?

Yeroo ammaa kana biyya keenya iddoo gara garaatti hoomaan Awwaanisaa oomisha qotee bulaa barbadeesutti jira. Miidhaan balleysee, miidhaa hamaatu oomisha midhaanii irra gahe. Naannicha tohatee iddoo tokko tokkotti humna namaatii ol tahuutu himama.

Qur’aanni daawwitii keenya! Haalota keessa jirruufi mudannu keessatti if ilaalla. Rakkoo keessa jirru akka keessaa itti baanu isaatu mala nuuf dhaha. Rabbiin guddaan waa’ee Awwaannisaa Qur’aanatti dubbatee jira. Rakkoo isaan mudachuu dandeenyuufi mala keessaa itti baanu dhaamsa nuuf dabarse.

Suuraa al A’araaf lakkoofsa 133 irratti akkas jedha.
فَأَرْسَلْنَا عَلَيْهِمُ الطُّوفَانَ وَالْجَرَادَ وَالْقُمَّلَ وَالضَّفَادِعَ وَالدَّمَ آيَاتٍ مُّفَصَّلَاتٍ فَاسْتَكْبَرُوا وَكَانُوا قَوْمًا مُّجْرِمِينَ
{Bishaan dachii isaanii lolaase, awwaannisa midhaan isaanii fixe, injiree isaan nyaattu, raachaa bishaan isaanii guuteefi bishaan isaan dhugan dhiiga itti goonee isaan qormaatne(isaanitti ergine). (Isaan garuu) san boodaas boona itti fufan.}

Ummata keenya! Duba kun dhaamsa salphaa miti. Awwaannisni waan Rabbiin ummata isatti Kafare ittiin qormaataa ture. Daangaa Rabbii cabsuu haa eeggannu. Sababa nuti badii hojjanneef hoongeen lafa bu’uu mala. Gama Rabbii haa deebinu. Rahmata isaa haa kajeellu.
Nuuralhudaa
Soora Qalbii Muslimaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button