header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Iguwaanaa (Iguwaanaa), Sanyii Lootuu Ajaa’ibaa

Uumamni kun sanyii lootuu keessaa isa tokko yoo ta’u, guddina qaamaatiinis lootuuwwan gurguddaa keessatti ramadama. Qophii hardhaa kana keessatti, uumama kana gara bosona Ameerikaa kibbaa fi biyyoota kaariibiyaanii imallee daaw’anna. Sanyiiwwan Iguwaanaa heddutu jira. Sanyiiwwan garagaraa kunniin qubsuma garagaraa keessa jiraatu. Iguwaanaan gariin eddoo bosonni tuucha’aan jiru filatu. Kanneen Bosona irraa fagaatanii, bishaan qubsuma godhachuudhaan qurxummii waliin jiraatanis hedduudha. Gariin ammoo lafa jiidhina qabu irraa fagaatanii, gammoojjii goggogaa roobni xiqqaan jiruu fi cirrachaan guutame keessa jiraatu. Uumama amala garagaraa qabu kanas ofitti madaqsanii guddisuudhaaf yaaliin heddu godhame jira. Haa ta’u malee, amala isaanii kana hubachuun hedduu ulfaataadha. Sababaa kanaan hedduun isaanii akkuma bosonaa fi bakka jireenya isaaniirraa baafamaniin du’u.

Akkuma Rabbi ilma namaa kaan dheeraa kaan gabaabaa, garii furdaa, garii qal’aa godhee uumetti, Iguwaanaanis bocaa fi dheerinna garagaraa qaba. Kuun dheeraadha, gariin ammoo gabaabaadha. Gariin xixiqqaa yoo ta’u gariin ammoo akkaan guddaadha. Haa ta’u malee, Iguwaanaaan Lootuuwwan ardii Ameerikaa keessatti argaman keessaa isa guddaadha. Avreejiidhaan Iguwaanaaan Meetira 1.8 hanga 1.9 dheerata.  Ulfaatinni qaama isaatis hanga KG 5 ni ta’a. Iguwaanaaan Ilkaanii fi irga jabaa qaba. Eegeen isaatis jabaa fi dheeraadha. Dheerina qaama isaa irraa cinaan eegee isaati.  Eegeen isaa kun diina ittiin ofirraa ittisuudhaaf tajaajila. Iguwaanaaan eegee isaa kanaan diina ofirraa dhaha. Ajaa’ibni guddaan eegee isaa irra jiru kan biraa ammoo,  yeroo rakkoon itti hammaatte eegee isaa kana ofirraa muree darbee baqata.  Yoo eegeen irraa citte saffisni isaa haalaan dabala. Kanaafuu diina eegee saniin dhahee ofirraa ittisuu hin dandeenyeen yoo walitti dhufe, eegee ofii ofirraa darbee fiigichaan diina jalaa baha. Achi booda hoo eegeen isaa akkam ta’a gaafii jedhu gaafachuun keessan hin oolamu. Sanyiin lootuu hedduun isaanii qaamni tokko yoo irraa cite, qaama san bakka buufatuu ni danda’u. kan Iguwaanaatis akkasuma. Madaan eegee isaa yeroo muraasa keessatti fayyee, eegeen isaatis akkuma duraa sanitti deebi’a.

Sanyiiwwan Iguwaanaa keessaa inni Green Iguwaanaa jedhamu ija sadi qaba. Ijji isaa kun akka ija lameenii waa ittiin laaluuf tajaajiluu baatus, jijjiirama bifaa kan naannoo isaatti mudate addaan baafatuu danda’a. dabalataanis diina fageenya irra jiru sense godhee beekuu danda’a.

Uumamni kun hedduminaan muka gubbaa jiraata. Sanyiin naannoo bishaanii jiraatu ammoo, yeroo heddu diina jalaa dhokatuuf bishaan jala lixee tura.  Sanyiin gariin Osoo bishaan keessaa ol hin bahin, daqiiqaa 28f turuu ni danda’a.

Lootuuwwan hedduun isaanii warra soorata gosa lachuu sooratan keessatti ramadamu. Iguwaanaan garuu hedduminaan baala soorata. Sababaa kanaaf sanyii herbivorous ykn warra baala sooratu keessatti ramadama.  Hedduminaanis firii, ilillii fi baala mukkeen garagaraa soorata.

Iguwaanaan hedduminaan kopha kophaa jiraata. Yeroo walqunnamtii wal hormaataa qofa walitti dhufu.  Eega walqunnamtiin wla hormaataa raawwatameen booda, adda bahuudhaan gara qubsuma isaanii deebi’u. Dhalaan Iguwaanaa takka  yeroo tokkoon hanqaaquu 20 hanga 71 hanqaaqxi. Eega hanqaaqxeen booda dhiisteetuma biraa deemti. guyyaa 10 hanga 15 keessatti hanqaaquuwwan kana keessaa ilmooleen haarofni cabsanii bahu. Ilmooleen kunniin haga gaafa guddatanii of danda’anitti wal bira turuudhaan eegumsa waliif godhu. Gaafa guddatanii of danda’anitti hunduu gara jireenya ofii deemu. Uumamni kunis avreejiidhaan haga waggaa 20 jiraatuu ni danda’a.

Watch Iguwaanaa (Iguana) from NuuralHudaa on www.twitch.tv

 

Comment

Back to top button