header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Duulli Imaama Masjid al-Aqsaa hiiksisuu irratti xiyyeeffateTurkiyaa keessatti jalqabame

Gamtaan Ulamaa’ota Addunyaa, Isra’eel Imaama Masjid al -Aqsaa Shekh Ra’ed Salah mana hidhaatii akka gad dhiiftuuf duula jalqabuu beeksise.
Duula guyyaa hardhaa Turkiyaa magaalaa Istaanbul keessatti jalqabame kana, Activistoonni Falasxiin, Lubnaanii fi Urduun kan geggeessan tahuu Aljaziiraan gabaase. Duulli kun Isra’eel cunqursaa lammiilee Falasxiin irratti adeemsiftu akka dhaabduuf dhiibbaa godhuuf yoo tahu, keessattuu Masjid al-Aqsaa too’achuudhaaf yaalii godhaa jirtu balaaleffatudhaaf.
Hoogganaa Gamtaa Ulamaa’ota addunyaa kan ta’an Dr Yusuf Alqardaawii baniinsa duula kanaa irratti argamuudhaaf Dohaa irraa gara Istaanbul kan imalan yoo tahu, Isniina galgala haasawa godhuuf kan karoorfatan tahuu gabaasni kun ni mul’isa.
israa’eel ji’a Adoolessaa keessa Masjiidal al Aqsaa too’achuudhaaf yaalii taasisaa turte fashaleessuu keessatti Shekh Ra’id Salah mormii lammiilee Falasxiin adda durummaan hoogganaa turan. Kanuma hordofuudhaan Mootummaan Israa’eel mana hidhaatti kan isaan darbe tahuun ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button