header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Rooba cimaa Keeniyaa keessatti roobaa jiru hordofuun balaa lolaa uumameen yoo xiqqaate namoonni 194 du’uu gabaafame

Lixa Keeniyaa keessatti Rooba cimaa torbee sadi ol walitti fufuun roobaa jiru hordofuun lolaa fi sigiga lafaa muudateen, hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 194 du’uu qondaaltonni biyyattii beeksisan. Ministeerri dhimmoota Naannolee Egune Wamalwa miidiyaaf ibsa kenneen, guyyaa kaleessaa qofa sigiga lafaatiin lubbuun namoota 24 dabruu beeksise.

Dubbi himaan mootummaa biyyattii Siiras Oguna gama Twitter isaatiin akka beeksisetti ammoo, Roobaa guyyoota hedduuf walfaanaa roobaa jiruun iddoo Budalang jedhamutti lagni guutuun naannawa jireenyaa irra akka garagaleefi, kanuma hordofuun yoo xiqqaate ummanni 100,000 ol qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqa’uu hime.

Ministeerri Inarjii gama isaatiin, Ammas Hidhi madda ibsaa lama naannicha keessatti argamu waan guuteef ummanni hidhaalee kanneenii gadi jiraatan naannicha gadi lkkisanii akka bahan ajajamuu ibse.

Mootummaan Keeniyaa akka jedhutti, namoota balaa kanaan buqqa’aniif nyaataa fi bishaan dhugaatii kan dhiheessaa jiru yoo tahu, weerara COVID-19 biyyattii keessatti babal’ataa dhufeef akka hin saaxilamneef ammoo ministeerri fayyaa golgaa fuulaa (Mask) kan raabsu tahuu ibsame.

Lolaa Keeniyaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button