header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaEeshiyaaOdeeyfannoo

Falasxiinonni Suudaan waadaa cabsuun Israa’el waliin hariiroo tolfachuuf murteessuun isii kan isaan gaddisiise tahuu ibsan

Prezdaantiin Ameerikaa Donald Tramp ibsa Jum’aa har’aa kenneen Suudaan fi Israa’el hariiroo tolfachuuf walii galanii jiru jedhe. Kanuma hordofuun bulchiinsi Falasxiin murteen Suudaan kun gocha gantummaati jechuun balaaleffate.

Falasxiinonni akka jedhanitti, bara 1967 biyyoonni Arabaa hanga dachiin Falasxiinotaa hundi bilisa bahutti, Israa’el waliin hariiroo tokkollee akka hin tolchine Suudaan keessatti kan waliigalan tahuu yaadachiisuun, gochi mootummaan Suudaan amma raawwate kun gantummaa tahus, ummanni Falasxiin qabsoo walabummaa cimsee itti fufa jedhan.

Mootummaan Ameerikaa qoqqobbii Suudaan irra waggoota diigdamaa oliif kaahe ture kaasuudhaan duratti, Suudaan irratti dhiibbaa uumuun Israa’el waliin akka araaramtu gaafataa turuus odeeyfannoon ni addeessa.
Traamp kanaan duras Emreets fi Bahreeyn, Israa’el waliin hariiroo akka tolfatan haala mijeessuun isaa ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button