header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Masjiidota Magaalaa Istee keessatti gubaman deebisanii ijaaruuf deeggarsi godhame

Naannoo Amaaraa kibba Gondar magaalaa Isteetti masjiidonni lama, akkasumas magaalaa Jarraa Gadduu jedhamtutti masjiidni tokko walumaa galatti masjiidonni sadi, torbee tokkotti hordoftoota amantaa birootiin gubamuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Masjiidota qaamota jibbiinsa Islaamummaa leellisaniin gubame kana ilaalchisee mootummaa irraa tarkaanfiin fudhatame jiraatuu dhabus, ummanni masjiidota isaa deebisee ijaaruuf sochii jalqabee jira. Haaluma kanaan guyyaa hardhaa dhalattoonni Istee magaalota Bahirdaarii fi Dabra Taaboor keessa jiraatan, masjiidota gubaman deebisanii ijaaruuf deeggarsa maallaqa kuma dhibba lamaa fi Kuma shantama, akkasumas Simintoo kuntaala 100 kan gumaachan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Haaluma wal fakkaatuun hawaasni Muslimaa magaalaa Jarraa Gadduutis, masjiida alhada dheengaddaa gubame deebisanii ijaaruuf maallaqa walitti qabaa jiraatuu gabaafame.

 

7 Comments

  1. dhiifam Salaamta Warr jannat hon dagane hangum fuutune ta’e
    Aslaamwaleykum warhamtul wabarkatu. jazakkallahu jabaadhugaartii dikniinkeessaniif
    gummachaa Sadaqaa isiinif taatu hojii keessani Rabbiin isiinir has jalaatu
    barkallah afiikum

  2. Allaahu Akbar Rabbiin Haqaa mo’ominaa miidhamu ni tiksaa Ishallah isaan ballesu yaadani Islaamumaan yoomile hin badu
    akkasum hijiraan ilaa yoomili qiyyama turu Islaamumaan Abdaan turaadha.
    allahmadulil kan Muslim nu godheef.

  3. assalamu aleykum warahmatullahi wabarakhaatu akkam jirtuu nagakeessanii hojjettota RNH maashaa ALLAH bayye namatti toltanii nuuf jabaadhaa jazaakumullahu khayran jamiian

    asumanu yaadnii aniqabuu radiiyoon kun ykn tv RNH akka bakka hundaa nuf qaqqabu fedhii keenyaa isa guddadha isinu nibeektuu kanaaf nu jabaadhaa .

    ummanni keenyaa bayyee wallalladhaa kanafuu RABBII N gargaarsaa sinifaa ta’uu nuu jabadhaaaaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button