EeshiyaaKoroonaaOdeeyfannoo

Foon lukkuu Biraaziil irraa gara Chaayinaatti ergame irratti koronaavaayirasiin argame

Foon lukkuu Biraaziil irraa gara Chaayinaatti ergame irratti koronaavaayirasiin argame

Vaayirasiin kun foon lukkuu Biraaziil irraa ergame irratti kan argame tahuu, qondaaltonni magaalaa kibba Chaayinaa Shenzhen ibsan.

Akka qondaaltoonni kun, Foon lukkuu kun cabbii keessa kan ture fi yeroo nyaata biyya alaa irraa gara magaalaattii seenu irratti qorannoon COVID-19 godhamu Vaayirasiichi irratti argame jedhan.

Kanuuma hordofuun namoota foon kana tuttuqan hundaafi nyaata naannichatti kuufamee irratti qorannoo kan godhame yoo ta’u, namoonnifi nyaatnillee vaayirasicharraa bilisa ta’uus ibsame.
Guyyaa suniin duraatiis miidiyaan Chaayinaa baha magaalaa Wuhaanitti gosa qurxummii ‘Shrimps’ jedhamu kan Ekuwaador irraa gara biyyaatti seene irratti Covid-19 argamuu gabaasee ture.

Odeeyfannoo wal qabateen Qondaalli olaanaan Ministeera Fayyaa Keeniyaa Kamau Mugeendaa dhibee Covid-19’n du’u gabaafame.

Kamau Mugeendaa dhaabbata dhimma qorannoofi talaallii Covid-19 hoogganu Inistitiyuutii Fayyaa Keeniyaa keessatti qondaala olaanaa fi akkasumas ogeeyyii fayyaa koronaavaayirasiin qabaman 450 keessaa tokko ture.
Qondaala kana dabalatee ogeeyyiin fayyaa ittisa koronaavaayirasii keessatti adda durummaan hirmaachaa turan afur hanga ammaatti vaayirasii kanaan du’u gabaafame.
Keeniyaa keessatti hanga ammaatti namoonni 28,000 vaayirasichaan qabamanii jidduu 450 ta’an du’u odeeyfannoo ni addeessa.

Show More

2 Comments

...

Back to top button