header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Bulchinsi naannoo Amaaraa dhagaa bu’uraa Yunivarsitii Islaamaa ijaaruuf kaa’ame jigsuuf dhaadate

Naannoo Amaaraa godina Wolloo Kaabaa aanaa Habruu magaalaa Marsaatti Alhada dabre Yunivarsiitii Imaam Ahmad ijaaruuf dhagaan bu’uraa kaahamee ture yoo tahu, Hoggansi bulchinsa mootummaa naannichaa, maqaa Imaam Ahmad jedhu kana yoo kan hin jijjiirre ta’e, lafa Yunivarsitiin irratti ijaaramuuf kenname deebisee kan fudhatuufi dhagaa bu’uraa kaahame kan jigsu tahuu dhaadate.

Hoggantoonni biiroo nageenya naannichaa fi qaamoleen Poolisii naannichaa irraa gara magaalaa Waldiyaatti imalan, guyyaa kaleessa bakka bu’oota hawaasa Muslimaa fi hoggantoota magaalaa Marsaa akkasuma bakka bu’oota hawaasa Muslima magaalichaa waliin mari’atan.

Marii kana irrattis hoggantoonni bulchinsa naannichaa irraa dhufan kunneen “maqaa Yunivarsitichaa jijjiiraa. Yoo kan hin jijjiirre ta’e immoo dhagaa bu’uraa kaahame ni jigsina” jechuun dhaadatan. Hoggantoonni Majlisaa fi bakka bu’oonni hawaasa Muslimaa marii kana irratti argaman immoo ‘mirga keenya waan ta’eef hin jijjiirru’ jechuun kan adda bayan tahuun dhagahame.

Guyyaa har’aa immoo hoggantoonni bulchinsa magaalaa Marsaa, koreewwan Masjida magaalaa Marsaa, caasaan nageenya aanichaa, hoggantoonni Majlisaa fi dargaggoonni waliin mari’atanii jiran.

Haaluma kanaan hoggantoonni mootummaa aanichaa fi magaalaa Marsaa Walgahii kana irratti hirmaatan “maqaa Yunivarsiitii jijjiruu qabdan. Yoo didan, bulchinsa naannichaa irraa dhiibbaan nu irratti godhamaa waan jiruuf, lafa isiiniif kenname isin irraa fuuna” jechuun sodaachisa turan.

Guyyaa boruutis hoggantoonni Majlisa aanichaa fi gandichaa, Ulamaa, manguddoo fi dargaggoonni Muslimaa magaalichaa dhimmicha irratti mari’achuuf kan beellamatan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

2 Comments

  1. Assalamu’aleeykum woraahmaatullah wobarakaatuh hundi hordooftota Radio nuralhudaa bakkuma jirtaanitti nagaaha fi rahmaata Rabbii keessaa naaf jiraadhaa
    jechaa mee hundi keenna waan biyyaa keenna keessatti tahaa jiru kan wollaallon jaahillaan kaafiraaa nurraattii hojjaata jirtu kanaf Rabbiitti haa boonnu inni nuf dhagaaha Nuti waa aamaatti isaani hin tuqnee keennaan nagaahan jiraanna malee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button