header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Emreets fi Itoophiyaan Ujummoo Boba’aa Asab irraa hanga Finfinneetti Diriirsuudhaaf waliigalan

Muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad, Jum’aa hardhaa hooggantuun ministeera Tumsa Idil addunyaa Emreets Riim Alhashimii simachuudhaan marii geggeessanii jiru. Miss Riim Alhaashimii Xalayaa dhaaltuu gonfoo Emreets Muhammad Bin Zaayid irraa muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmadiif geessitee jirti.

 

Qondaaltonni lamaan marii geggeessaniin Eertiraa Buufata Doonii Asab irraa hanga Finfinneetti Ujummoo Boba’aa dabarsu ijaaruudhaaf Emreets qorannaa projektichaa akka jalqabdu kan waliigalan tahuun beekameera. Haaluma walfakkaatuun waliigalteewwan invastimantii biyyoonni lamaan kanaan dura walii malltteessanis hujii jalqabsiisuudhaaf, akkasumas Ijaarsa riilisteetii fi buufatalee tuuriizimii gaarreen Baalee keessatti ijaarsa Rizoortii jalqabuuf waliigalanii jiru.

 

Odeeyfannoo walfakkaatuun Muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad guyyaa kaleessaa jila qondaaltota mootummaa Sa’udii ministeera haajaa alaa Adiil Aljubeer hoogganamu wajjira isaatti simatuun marii geggeessanii jiru.  Jilli mootummaa Sa’udii haala hariiroon biyyoota lamaanii daran cimee itti fufu irratti muummicha ministeeraa waliin kan mari’atan tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

https://youtu.be/FeUgB_k6RbA

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button