header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AkhlaaqaOg-Barruu

Gaafa garii Rabbiin warra badii kanaaf taha

Jal’inaafi daguutti jiraachuu isaanii osoo beekuu beekaa itti bal’isa. Qaba qabaaf. Waan nyaataniif hin rakkatan, quufanii taphaaf dirretti akka yaa’an mijjeesaaf. Ilmaanii fi qabeenyaas bira guuta. Hamtuu yaadan hedduu akka argatan taasisa. Gaafa isaan waan kennaman kanaan burraaqan ammoo daguutti isaan qabee dhukkeesa. Deebi’anii toltuu carraaquufillee akka hin carroomne isaan godha. Ummata asiin dura Halaakame mara, dura Rabbiin itti cabsee eeganaa ammoo isaan cabse.

Hadiisa Uqbaa ibn Aamir odeyseen ergamaan Rabbii(SAW) “gabricha osoo badii dalaguu Rabbiin addunyaarraa waan inni barbaadu kenneef gaafa garte, wanni kannameef san hillima (isa sobuuf) tahuu hubadhu” jedha.

Eeganaa ergamaan Rabbii(SAW) Aayata Suuraa al An’aam kana qara’e.

  • فَلَمَّا نَسُوا مَا ذُكِّرُوا بِهِ فَتَحْنَا عَلَيْهِمْ أَبْوَابَ كُلِّ شَيْءٍ حَتَّىٰ إِذَا فَرِحُوا بِمَا أُوتُوا أَخَذْنَاهُم بَØْتَةً فَإِذَا هُم مُّبْلِسُونَ *
  • “Yeroma isaan waan ittiin gorfaman dagatan, balbala waa hundaa isaanitti banne. Yeroo isaan waan kennamaniin gammadan osoo hin beyne (adabaan) isaan qabna. Hoggaas isaan abdii muratan”

One Comment

  1. As wr wb rabbin jal. Inaafi dogongora irra Nuha eguu waan AFI jal. Tu nuhaa hojechiisu shafa. A rasuula solola WA. Ali wosolom Nuha argachiisu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button