header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Godina Arsii Magaalaa Roobeetti barattoonni Muslimaa sababa uffannaaf dararamaa jiran

Aanaa Roobee magaalaa Roobeetti, barattoonni shamarran Muslimaa mana barumsa sadarkaa 1ffaa fi mana barumsa sadarkaa 2ffaatti baratan sababa Jilbaaba uffataniif dararamaa jiraachuu himan.

Gurraandhala 12,2012 guyyaa dheengaddaa barattoonni mana barumsa lakkoofsa lamaatti Jilbaabaa uffatanii barataa turan akeekkachiisa tokko malee barnoota irraa ari’amuun dhagahame.

Tarkaanfiin barattoonni shamarranii Jilbaaba akka baasaniif dirqisiisuu kun Fulbaana dabre irraa addatti jalqabe. Garuu dhiibbaa hawaasni Muslimaa magaalichaa fi barattoonni manneen barnoota magaalattiitti argaman “Jilbaaba malee hin barannu” jechuun mormaniif hojii irra oolchuun hin dandahamne.

Haa ta’u malee torbaan dabare irraa kaasee tarkaanfiin barattoota Jilbaaba uffatan barnoota irraa ari’uu fudhatamaa jiraachuun saaxilame.

Barataan garasii dubbisne tokko akka nuuf himetti “dura bu’oonni mana barumsichaa ‘heerri biyyattii Jalaabibaan mana barumsaa seenuu hin hayyamu. Kanaaf Jilbaaba baaftan malee seenuu hin dandeessan. Yoo akka isiniif hayyamamu barbaaddan ta’e ammoo, waajjira barnootaa ykn bulchinsa Oromiyaa irraa xalayaa qabattanii dhufuu qabdan. Saniin alatti hin danda’amu’ jechuun deebisaa nuuf kennan” jedhe.

Namoonni gocha kana adda durummaan hojii irra oolchaa jiran dura bu’aa mana barumsa sadarkaa 1ffaa Obbo Geetaachoo fi Suppervaaysera mana barumsichaa kan ta’e Obbo Jeylaan Sheekoo tahuus odeyfannoon ni addeessa.

Haaluma walfakkaatuun ji’a lama dura, aanaalee godina Jimmaa gara garaatti tarkaanfiin walfakkaatu barattoota muslimaa irratti fudhatame ture, haa ta’u malee dhibbaa hawaasni muslimaa naannichaa fi bakka bu’oonni hawaasa muslimaa taasisani hordofuun tarkaanfii kana dhabsiisuun ni yaadatama.

2 Comments

  1. As wr wb
    Midiyaank Kenya Nural hudaan
    Isin cinaa jirrra jabaattanii kana caalaa ittifuu qabdu
    Waahundaanu Isin cinaa jirraa.
    Galatoomaa Isin jaalannaa❤❤❤❤❤❤👍👍👍👍👍👍👃👃👃

  2. As wr wb
    Midiyaank Kenya Nural hudaan
    Isin cinaa jirrra jabaattanii kana caalaa ittifuu qabdu
    Waahundaanu Isin cinaa jirraa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button