OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Godina Booranaa magaalaa Yaaballootti Sagantaan Muhaadaraa guddaan geggeeffame
![](https://nuuralhudaa.com/wp-content/uploads/2019/02/Magaalaa-Yaballoo-2-1179283521-1550421865162.jpg)
Sagantaa Muhaadaraa mata duree Tokkummaa fi Nageenya jedhuun guyyaa hardhaa Istaadiyoomii Yaaballoo keessatti geggeeffame kana irratti, Mashaa’ikoonni aanaalee adda addaa irraa dhufan akkasumas hawaasni muslimaa magaaloota gara garaa irra dhufuun irratti kan hirmaate tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Sagaantaa muhaadaraa kana irratti, hawaasni muslimaa tokkummaa isaa jabeefachuun nagaya naannoo isaa akka eeggatuuf dhaamsa waliif kan dabarsan yoo tahu, akka Rabbiin biyya teenya nagaya godhu jechuun Du’aa’iin kan godhame tahuus odeeyfannoon ni addeessa