header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Kooriyaan Kaabaa Buufata Yaalii Misaa’elaa cufuuf walii galte

Prezdaantiin Kooriyaa Kibbaa Moon Jae-In Kibxata kaleessa gara Kooriyaa Kaabaa imaluun, Pyongyang keessatti Prezdaant Kim Jong-Un waliin mari’ate. Prezdaant Moon marii kana booda ibsa kenneen, Kooriyaan Kaabaa buufataalee Yaalii Misaa’elaa keessatti geggeessaa turte jiddu isa guddicha akka cuftuuf kan walii galan tahuu ibse.

Kim Jong-Un gama isaatiin yaada kenneen, “walii galteen kun sulula Kooriyaa keessatti nagaya buusuudhaaf tarkaanfii guddaadha. Anis dhiheenyatti gara Soul imalee marii nageenyaa kana itti fufsiisna abdii jedhu qaba”jechuun dubbate. Kooriyaan Kaabaa Oomisha Niwukilarii dhaabuu ilaalchisee,  Ameerikaan waadaa galte yoo kan eegdu tahe gama isitiin tarkaanfii murteessaa tahe fudhachuudhaaf qophii tahuu beeksifte.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button