header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Walitti bu’iinsa magaalaa Goobbaa keessatti  uumameen lubbuun namoota torbaa dabre

Guyyaa kaleessaa irraa jalqabee magaalaan Goobbaa jeequmsa hamaa keessa kan jirtu yoo tahu, humnoonni tika mootummaa hawaasa magaalattii sabaa fi amantaan qoqqooduun  walitti bu’iinsa kan hammeessaa jiran tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

Waajjirri dhimmoota Kominikeeshiinii Godina baalee ibsa baaseen “Walitti bu’iinsa magaalaa Goobbaa kessatti uumame, warroota Oromoon qe’ee isaatti mataa gad qabatee akka jiraatu fedhut, warroota Oromoo jibbuu fi warroota tokkummaa Ummata Oromoo diiguu barbaadutu gocha kana duuba jira”jechuun ibse.

Sababaan walitti bu’iinsa kanaa Siidaa Haaji Aadam Saaddoo Addababaayii magaalattii keessa dhaabuuf ummanni sochii yeroo jalqabu, namoonni tika mootummaa keessa jiran warraa jibbaa ummata Oromoo jaqaban gurmeessuun akka hin dhaabane jechuun mormii  ka’een tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

Gama biraatiin ammoo jeequmsa uumame kana qondaaltonni OPDO ol’aanoon akka walitti bu’iinsa Amantaa fakkeessanii kan himaa jiran yoo tahu, jiraattonni naannichaa ammoo gochi qondaaltota OPDO kun saba jechuun kan isaan dallansiise tahuu ibsaa jiru.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button