header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Godina Harargee Lixaatti talaalliin mana barumsaatti ijoolleef keenname miidhaa dhaqqabsisuun dhagahame.

Godina Harargee lixaa aanaa Odaa Bultum magaalaa Baddeessaa fi gandoota Baadiyaa naannawa san jiranitti, guyyaa kaleessaa ogeeyyonni fayyaa talaallii kennina jechuun, manneen barnootaatti barattootaaf dawaa keennan. Barattoonni dawaa kana fudhatan hundi kan dhukkubsatan tahuu namni nuti bilbilaan dubbisne nuf hime.

Akka jiraataan kun nuuf himetti, ogeeyyonni fayyaa dawaa kana yoo kennan kan raammooti jechuun nama tokkoof habbaa jaha akka keennanii fi eega rakkoon kun muudatee booda ogeeyyoonni fayyaa kunis too’annaa jala kan olfaman tahuu ibse.

Ijoolleen dawaa kana fudhatan kan gaggabanii turan akka ta’ee fi hoomachi afaanii kan ya’aa ture tahuus maddeen nuuf gabaasan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button