header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannoo

Guutuu Addunyaa keessatti lakkoofsi namoota Vayirasii koroonaatiin qabamuun mirkanaahee miiliyoona 3.6 dabre

Guutuu Addunyaa keessatti lakkoofsi namoota Vayirasii koroonaatiin qabamuun mirkanaahee miiliyoona 3.6 dabre. Lakkoofsi namoota sababa vayirasii kanaa du’anii ammoo kuma dhibba lamaa fi kuma shantamii shan kan dabre yoo tahu, namoonni miiliyoona 1.2 ol ammoo dhibee kana irraa bayyanatanii jiru.

Vaayirasichi lubbuu galaafachuun alatti, diinagdee addunyaa haala kanaan dura mul’atee hin beekneen unkuteessaa jira.

Weerara Vaayirasichaa to’aachuuf biyyoonni hundi tattaaffii cimaa kan godhaa jiran tahus, hanga ammaatti biyyiti guutuutti vayirasicha irraa walaba taate tokkollee hin jirtu. Haata’uti Ameerikaa fi biyyoonni Lixa Awrooppaa heddu weerarri Vaayirasichaa sadarkaa hamaa bira dabraa jiraatuu beeksisan.
U.S.A. keessatti hanga guyyaa har’aatti namoota 1,218,968 ol vayirasichaan qabamuu mirkanaahe jidduu, 70,759 du’uu gabaafame. Qorattoonni Yunivarsiitii Washingiton mootummaan jarjaraan uggura sochii ummataa irra kaahe guututti kan kaasu yoo tahe, hanga Jalqaba June dhufuutti guyyatti lakkoofsi namoota sababa vaayirasichaatiin du’anii dachaan dabaluu mala jechuun akeekkachiisan.
Awrooppaa keessattis lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamaa jiranii ammas guddaadha. Haata’u malee biyyoota akka Ispeen, Xaaliyaan fi Jarman kanneen kanaan dura akka malee miidhaman keessatti lakkoofsi namoota haarayatti vayirasichaan qabamanii hirdhataa jira. Haaluma kanaan Ispeen fi Jarman dabalatee biyyoonni Awrooppaa muraasni uggura sochii ummataa irra kaahanii turan hanga tokko kaasuun, diinagdeen gar malee miidhamee ture akka bayyanatu carraaqaa jiran
Faransaay fi UK keessattis lakkoofsi namoota haarayatti vaayirasichaan qabamanii kan xiqqaate tahus, ammas tamsa’ini Vayirasichaa haala amansiisaa taheen to’annoo jala hin oolle. Gama biraatiin ammoo UK keessatti lakkoofsi namoota sababa Vaayirasichaa du’anii kuma 30 ol akka taheefi, biyyattiin biyyoota Awrooppaa hunda caalaa vaayirasichaan kan miidhamte tahuu gabaasni Waajjira Istaatiksii biyyattii irraa bahe ni addeessa.
Raashiyaa keessatti ammoo lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii daran dabalaa jira. Haaluma kanaan namoonni 155,370 vaayirasichaan qabamuu kan mirkanaahe yoo tahu, sa’aa 24 dabre keessatti qofa vaayirasichi namoota 10,102 irratti argamuu gabaafame. Lakkoofsi namoota du’anii ammoo 1,451 gahee jira.

Weerarri Vayirasii koroonaa biyyoota Eshiyaa keessaa ammoo Indiyaa fi Turkiyaa keessatti hammaataa jira. Turkiyaa keessatti lakkoofsi namoota vayirasichaan qabamuu mirkanaahee 129,491 kan gahe yoo tahu, lakkoofsi namoota du’anii ammoo 3,520 gahuu ibsame.
Braaziil ammoo biyyoota Ameerikaa Kibbaa weerarri vaayirasichaa haala hammaa irra gahe keessaa adda dureedha. Hanga ammaatti lammiilee biyyattii 108,620 vayirasichaan qabamuu mirkanaahe jidduu 7,367 du’uu gabaafame.

Suudaan sa’aa 24 dabre keessatti vayirasichi namoota 100 irratti akka argameefi namoonni 4 ammoo du’uu beeksiste. Walumaa galatti biyyattii keessatti namoota 778 vayirasichaan qabamuu mirkanaahe jidduu 45 du’uu gabaafame. Namoonni 70 ammoo fayyanii jiru.
Gareen Huusii Kaaba Yaman too’atu Magaalaa San’aa keessatti namni jalqabaa Vayirasichaan qabamuu mirkanaahe argamuu beeksise. Hanga ammaatti guutuu Yaman keessatti namoota 21 vaayirasichaan qabamuu mirkanaahe jidduu 3 du’uu gabaafame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button