header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Haleellaa Finxaaleeyyiin Amantaa Hinduu, Muslimoota irratti raawwataniin namoonni 7 ajjeefamanii, 150 ol immoo madaawan

Paarlamaan Indiyaa dhuma waggaa dabree irratti baqattoota biyyoota ollaa irraa gara Indiyaa seenaniif lammummaan akka kennamu seera hayyamu raggaasise. Seerri kun garuu baqattoota amantaa Islaamaa hordofan ‘Muslima’ kan hin hammanne tahuun isaa biyyattii keessatti mormii cimaa kaasee ture.

Seera lammummaa labsame ilaalchisee mootummaan Indiyaa Nareendiraa Moodiitiin durfamu, kan ol’aantummaa amantaa Hinduu fi sabboonummaa Hindootaa, akkasumas jibbaa Islaamummaa leellisuun beekkamu irratti hiriirri mormii cimaan ka’ee ture. Mormiin kun magaalaa guddoo biyyattii Niwuu Delhii tti haarayatti eega jalqabamee guyyaa sadi gahee jira.

Hiriira mormii kaleessaa fi har’a magaalaa guddoo Niwuu Delhii tti geggeeffame hordofuun walitti bu’insi deeggartoota mootummaa Nareendiraa Moodii fi namoota seera lammummaa labsame morman jiddutti kan uumame yoo ta’u,walitti bu’insa mudateenis namoonni hedduun miidhamuun gabaafame.

Kaleessaa fi har’a deeggartootni mootummaa Nareendiraa Moodii finxaaleeyyiin Hinduun, naannawa Muslimoonni heddumminaan jiraatan Karawal Nagar, Maujpur, Bahajanpura, Vijay Park fi Yamuna Vihar faatti haleellaa raawwataniin Poolisa tokko dabalatee namoota 7 ajjeesanii jiran, akkasumas Namoota 150 ol ammoo madeessuun gabaafame.

Miidiyaalee hawaasaarratti Viidiyooleen Muslimoota ‘finxaaleeyyii Hinduu’tiin haala suukanneessaan ajjeefamanii fi manneen jireenyaafi daldalaa gubatan baay’inaan raabsamaa jiran.

Aktivistoonni hedduun (Haashtaag) ‘Delhiin gubachaa jirti’ jedhu maxxansuun deeggarsa humnoonni nageenyaa gareewwan badii kanaaf godhan balaaleffata jiru.

Prezidaantiin Ameerikaa Donald Trump daawwannaa hojiitiif dheengadda Indiyaa dhaqee achi jira. Haasawa guyyaa kaleessaa taasiseenis “Finxaaleeyyii fi shoorarkeessitoota Islaamaatti duuluu qabna” jedhe. Haasawni isaa kun immoo finxaaleeyyii Hinduu onnachiisuun kan badii kanaaf kakaase tahuus ibsame.

Bara 2014 kaasee eega Paartiin finxaaleeyyii Hinduu tan Nareendiraa Moodiin durfamtu taaytaa Indiyaa tohatteen booda dararaan Muslimoota irratti raawwatamu kan hammaatte tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button