header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Ibaadaa

Haala Guyyaa Qiyaamaa

Rabbiin ol ta’e waan warra kaafiraa kanneen kaafamuu kijibsiisaa turan mudatu suuraa Yaasiin keessatti nutti hime:

Garriin (xurumbaan) ni afuufama; yoosuu isaan awwaala keessaa gara Gooftaa isaanii bahu. “Yaa badii keenya! Hirriiba keenya irraa eenyutu nu dammaqse? Kun waan Rahmaan waadaa nuuf gale; ergamtoonnis dhugaa dubbatan”jedhan. Isiin afuuffii tokko malee waan biraatii miti. Yeroo san isaan hundi nu bira fidaman. “Har’a lubbuun kamillee homaa hin miidhamtu. Waan dalagaa turtan malee hin mindeeffamtan”isaaniin jedhama. (Yaasiin:50-54)
Kun warra kijibsiise ilaallata.

Rabbiin ol tahe haala warra guyyaa qiyaamaa dhugoomseetis itti fufee dubbate:

“Dhugumatti, warri jannataa har’a dalagaan qabamanii gammachuun guutamu. Isaaniifi niitiiwwan isaaniis gaaddisa keessa, sireewwan irratti hirkatu. Isaaniif isii (guyyaa qiyaamaa) keessatti fuduraaleetu jira. Wanti isaan kadhatan hunduu isaaniif jira. Salaamtaan Rabbii abbaa rahmataa irraa isaaniin jedhama.” (Yaasiin:55-58)

Qur’anni Rabbii yeroo qananii jannataa dubbatu adabbii jahannamaas ni dubbata. Gaafa bal’ina rahmata Rabbii himu, jabeenya adabbii Isaas itti ida’a. Kanaafuu Qur’aanni cimdiidha jedhame.
Yaa Rabbi naasuu Guyyaa Qiyaamaa irraa nu tiksi.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button