Qajeelfama
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin.
Ø¥ÙÙ†ÙŽÙ‘ هَـٰذَا الْقÙرْآنَ يَهْدÙÙŠ Ù„ÙلَّتÙÙŠ Ù‡ÙÙŠÙŽ أَقْوَمÙ
Qur’aanni kun kara isa sirrii taate sanitti qajeelcha [Qur’an 17:9]
Nabiyyin keenya “(SAW)” Qur’aanni akka isaanirratti bu’u homa osoo abdii hin godhin Qur’aanaa duras homa osoo hin jedhin, jechuunis ani ergama ykn nabiyyiidha jechuun osoo hin dubbatin waggaa 40 jiraatani jiru.
وَمَا ÙƒÙنتَ تَرْجÙÙˆ Ø£ÙŽÙ† ÙŠÙلْقَىٰ Ø¥Ùلَيْكَ الْكÙتَاب٠إÙلَّا رَØْمَةً Ù…Ùّن رَّبÙّكَ Û– Ùَلَا تَكÙونَنَّ ظَهÙيرًا Ù„ÙّلْكَاÙÙرÙينَ
Rahmata rabbi kee irraa ta’een (sirratti buufne malee) atii kitaabni gara keeti buufamu kajeelaa hin turre, kaafirootafis gargaaraa hin ta’in [Qur’an 28:86]
Ù‚ÙÙ„ لَّوْ شَاءَ اللَّه٠مَا تَلَوْتÙه٠عَلَيْكÙمْ وَلَا أَدْرَاكÙÙ… بÙÙ‡Ù Û– Ùَقَدْ لَبÙثْت٠ÙÙيكÙمْ عÙÙ…Ùرًا Ù…Ùّن قَبْلÙÙ‡Ù Ûš Ø£ÙŽÙَلَا تَعْقÙÙ„Ùونَ
Odoo rabbiin fedhee, silaa ani isinirratti hin dubbisu, dhugumatti innis (Rabbiin) isa isin hin beeksisu ture, ani isa duras yeroo dheeraa isin keessa jiraadhee jira sila isin sammuu hin qabdani jedhiin [Qur’an 10:16]
Qur’aana dura turtii waggaa 40 kessatti nabi Muhammad nama kitaaba dubbisuufi barreessu hin turre, Rabbi osoo isaan homa hin baratin kitaaba buusee qajeelche.
وَمَا ÙƒÙنتَ تَتْلÙÙˆ Ù…ÙÙ† قَبْلÙÙ‡Ù Ù…ÙÙ† ÙƒÙتَاب٠وَلَا تَخÙØ·Ùّه٠بÙÙŠÙŽÙ…ÙينÙÙƒÙŽ Û– Ø¥Ùذًا لَّارْتَابَ الْمÙبْطÙÙ„Ùونَ
Ati (yaa Muhammad) isa dura kitaaba tokkollee hin dubbistu, harka keetinis kan barressitu hin turre osoo akkas taatee (barresitee) warri badii sun hin shakkan tureeyyu [Qur’an 29:48]
وَوَجَدَكَ ضَالًّا Ùَهَدَىٰ
Dogoggoraas taate si arge, si qajeelches [Qur’an 93:7]
“Dogoggoraas” jechi jedhu “adalla” أضل Yammu ta’u “Kan qajeelfama hin qabne” jechuudha. Dogoggoraas taate si arge yammu jedhu kitaaba sana dura hin beektu jechuudha (kan qajeelfama hin qabne), si qajeelche yammu jedhu “nama feenu ifa ittin qajeelchinu goone” kan jedhuun dhufee jira.
وَكَذَٰلÙÙƒÙŽ أَوْØَيْنَا Ø¥Ùلَيْكَ رÙÙˆØًا Ù…Ùّنْ أَمْرÙنَا Ûš مَا ÙƒÙنتَ تَدْرÙÙŠ مَا الْكÙتَاب٠وَلَا الْإÙيمَان٠وَلَـٰكÙÙ† جَعَلْنَاه٠نÙورًا نَّهْدÙÙŠ بÙÙ‡Ù Ù…ÙŽÙ† نَّشَاء٠مÙنْ عÙبَادÙنَا Ûš ÙˆÙŽØ¥Ùنَّكَ لَتَهْدÙÙŠ Ø¥Ùلَىٰ صÙرَاطÙ
Ù…ÙّسْتَقÙيمÙ
Akkasumas Qur’aanani ruuhii keenya irraa ta’e gara keetitti wahyii goone kitaabaafi imaanni maal akka ta’e hin beektu ture, garuu ifa gabroota keenya irraa nama feene ittiin qajeelchinu isa goone, atis gara karaa qajeelatti ni qajeelchita. [Qur’an 42:52]
Kanaafu “kan dogongorte turte” jechuun Kitaabni maal akka ture kan beektuu miti jechuudha; Rabbin immo kitaaba ifa gochuudhan ittin qajeelche, sababnis Qur’aanni gara kara qajeelatti nama qajeelcha.
Ø¥ÙÙ†ÙŽÙ‘ هَـٰذَا الْقÙرْآنَ يَهْدÙÙŠ Ù„ÙلَّتÙÙŠ Ù‡ÙÙŠÙŽ أَقْوَمÙ
Qur’aanni kun kara isa sirrii taate sanitti qajeelcha [Qur’an 17:9]
Keeyyatichi itti fufuudhaan “Hiyyeessa taatee si arge si duroomses” jedha. Hiyyummaan duwwumma yammu ta’u durummaan immoo guutummaadha; durummaan isa dhugaa immoo “Qur’aana” kanaafu dogoggora turte yammu jedhu “Hiyyeessa beekumsa Qur’aanaa hin qabne turte” jechuudha. Mufasirri Qur’aanaa guddaan “ibn kasiir” haala kanaan fassare.
عَنْ أَبÙÙŠ Ù‡Ùرَيْرَةَ، عَن٠النَّبÙÙŠÙÙ‘ صلى الله عليه وسلم قَالَ “ “” لَيْسَ الْØÙÙ†ÙŽÙ‰ عَنْ كَثْرَة٠الْعَرَضÙØŒ ÙˆÙŽÙ„ÙŽÙƒÙÙ†ÙŽÙ‘ الْØÙÙ†ÙŽÙ‰ ØÙÙ†ÙŽÙ‰ النَّÙْس٠“””Œ”
Abu Hureeyran (r.a) akka gabaasette nabi Muhammad (SAW) akkana jedhan:- Durummaa jechuun qarshii baay’ee qabaachu osoo hin ta’in durummaa ruuhiti jedhan [Imaam bukhaari kitaaba 81 Hadiisa 35]
Qopheessaan:Wahiid Umar
As wr wb.hedduu bareedaadha hojiin keessan .maashaa allaah