header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Haleellaa Boombii Somaaliyaa magaalaa Maqdishoo keessatti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni  16 ajjeefaman

Haleellaa Sabtii har’aa magaalaa Maqdishoo naannawa masaraa mootummaatti  raawwatameen, yoo xiqqaate namoonni 16  kan ajjeefaman tahuu Poolisiin biyyattii ibse.  Haleellaan kunnin boombiiwwan makiinaa lama irratti kiyyeefameen kan raawwatame yoo tahu,  boombii jalqaba dhooheen namoota miidhaman baraaruudhaaf yaaliin godhamaa osoo jiru,  haleellaan lamataa kan raawatame tahuu gabaafame.

 

Qondaalli Poolisii magaalaa Maqdishoo Muhammad Huseen akka jedhetti,  namoota ajjeefaman jidduu gaazexeessitoonni dhaabbata Televizhiinii Universal  3 fi loltoonni mootummaa kan keessatti argaman tahuu hime. Namoota ajjeefamaniin alattis qondaaltota mootummaa dabalatee namoonni 30 ol kan madaayan yoo tahuu, namoota madaayanii wal dhaanamaa jiran jiddu Itti aanaa Kantibaa magaalaa Maqdishoo fi  miseensi paarlaamaa biyyattii  tokko kan keessatti argaman tahuu gabaasni  arganne ni mul’isa.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button