header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Haleellaa Waraanni Liyyuu Poolisii naannoo Soomalee magaalaa Mooyyaalee keessatti raaawwateen namoonni  lama ajjeefamuun 4 ammoo madaa’an

Guyyaa kaleessaa fi hardhaa waraanni liyyuu poolisii naannoo Soomalee magaalaa Mooyyaalee keessatti haleellaa hamaa  raawwataa kan jiru tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Loltoonni Liyyuu poolisii ganama hardhaa nannawa Caamuqii fi Abbituu jedhamutti konkolaataan magaalaa Mooyyaalee akka hin seenne  rasaasa itti dhukaasaa akka turanii fi waaree booda ammoo humna cimsatuun dhalattoota Oromoo 4 kan madeessan tahuu Waajirri Dhimmoota Komunikeeshiinii m godina Booranaa gabaase.

 

 

Loltoonni liyyuu poolisii guyyaa kaleessaatis achuma magaalaa Mooyyaalee keessatti haleellaa raawwataniin namoota lama  kan ajjeessan tahuun beekameera. Dabalataanis Waajjira Gumruukii fi manneen jireenyaa hojjattoota gumruukii dabalatee konkolaatota 9 ol ibiddaan kan barbadeessan tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button