header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Buufatni Baabura Sa’uudii kan Magaalaa Jiddaa keessatti argamu gubataa jiraatuu gabaafame

Ejensiin ittisa balaa biyyattii fuula Twitter isaa irratti ibsa baaseen, balaa ibiddaa buufata baaburaa keessatti muudate kana to’achuudhaaf carraaqqiin cimaan kan godhamaa jiru tahuu ibse. Ejensiichi dabalataanis hanga ammaatti balaa kanaan lubbuun namaa kan hin dabrin tahuu beeksise.

 

Haaluma wal fakkaatuun Viidiyoon dhabbata Televiizhiina mootummaa Sa’uudii, Al-Arabiyaa jedhamu irraa argame akka mul’isutti, helikoptaroonni heddu buufata baaburaa ibiddaan boba’aa jiru irra maruun dhaamsuuf kan yaalaa jiran tahuu agarsiisa.

 

Odeeyfannoo birootiin ammoo, Waardiyyaan Malik Salmaan kaleessa magaalaa Riyaad keessatti kan ajjeeffame tahuu ibsame. Mootummaan Sa’uudii ibsa baaseen akka jedhetti, Jeneraal Abdul’aziiz Al-Fagham wal dhabbii dhuunfaa hiriyyaa isaa waliin uumameen,  rasaasaan rukutamee  du’e jechuun beeksise.

 

 

 

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button