header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hawaasni Muslimaa guutuu biyyattii haleellaa Masjiidota irratti raawwatame balaalefftuun mormii jalqabe itti fufee jira

Haleellaa shororkeessitoonni naannoo Amaaraa Jum’aa dheengaddaa magaalaa Mooxaa keessatti raawwataniin, Masjiidota afur dabalatee qabeenyi hawaasa muslimaa heddu ibiddaan barbadaa’uu fi saamamuun eega dhagayamee booda, hawaasni muslimaa guutuu biyyattii keessatti dallansuu isaa ibsataa jira.

Haaluma kanaan hawaasni muslimaa hiriira guyyaa kaleessaa jalqabe Alhada har’aatis karaa nagayaatiin kan itti fufe yoo tahu, magaalota guyyaa har’aa hiriirri keessatti geggeeffame jidduu, Haramaayaa, Dirree Dhawaa, Shaashamannee, Dasee, Khamisee, Mattuu, Haalabaa fi Ciroon keessatti argamu. Haaluma wal fakkaatuun naannoolee Somaalee fi Affaar keessatti ummanni hiriira bahuun gocha muslimoota irratti raawwatame kana balaaleffatee jira.

Haata’u malee gocha shororkeessummaa hordoftoonni amantaa Ortodoksii hawaasa muslimaa irratti raawatan kana mootummaan naannichaa fi kan federaalaatis hanga ammaatti kallattiidhaan ibsa baasuun hin balaaleffanne. Inumaayyuu Miidiyaan mootummaa naannoo Amaaraa haleellaa Masjiidota irratti raawwatame kana “balaa ibiddaa”jechuun gabaase. Miidiyaan naannichaa kun ka’umsi balaa kanaatis “wal dhabbii hawaasa muslimaa magaalattii jidduu ture irraa kan madde”jechuun isaa, ammas mootummaan naannichaa itti gaafatamummaa guutuu fudhachuuf fedhii kan hin qabne tahuu mul’isa jechuun hayyoonni ibsaa jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button