header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Loltoonni Isra’eel West Bank keessatti weerara raawwataniin lubbuu namaa galaafatan

Loltoonni Isra’eel West Bank magaalaa Jiniin Keessaatti weerara Sabtii kaleessaa raawwataniin, mucaa waggaa 19 tokko rasaasaan mataa isaa keessa rukutuun kan ajjeessan tahuu qondaaltoonni ministeera fayyaa Falasxiin beeksisan.

Haaluma walfakkaatuun torbaan dabre keessas loltoonni Isra’eel nama lammii falasxiin kan baatii dabre keessa hoogganaa Qubattoota seeraan alaa ajjeesse adamsina sababa jedhuun, gandoota nannawa magaalaa Jeniin kan weeraran yoo tahu, manneen jireenyaa warraa nama ajjeechaa kanaatiin shakkamee diiguu yeroo jalqabanitti lammiileen Falasxiin naannicha turan mormii kaasan.Kanuma hordufuun loltoonni Isra’eel dhukaasa ummata irratti baniin nama tokko ajjeessuu isaanii gabaasni arganne ni ibsa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button