OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hiriirri mormii guddaan Naannoo Kibbaa Magaalaa Dillaatti gaggeeffame

Haleellaa Jum’aa torban dabre (halkan December 20) naannoo Amaaraa godina Goojjam magaalaa Mooxaatti raawwatameen Masjidni 4 shoorarkeessitootaan gubamuun ifa. Achiin duraas Caamsaa 15, 2010(akka lakkoofsa biyyaatti) irraa jalqabee Masjida 35 tu diigame. Masjidoota diigamaafi gubamaa jiran mormuuf hiriirri Koree Fala Barbaadduu Muslimaatiin yaamamee ture.

Yaamicha kana owwaatuun hawaasni Muslimaa bakka jiruu ka’ee diddaa qabu mul’isaa jira.

Haaluma kanaan guyyaa har’aa naannoo Kibbaa Magaalaa Dillaatti hiriirri mormii guddaan kan geggeeffame yoo tahu, hawaasni muslimaa lakkoofsaan hedduu argamuun gocha naannoo Amaaraa magaalaa Mooxaatti masjiidoota fi hawaasa muslimaa irratti raawwatame balaleefatuu odeeyfannoon ni addeessa.

Tags
Show More

...

Back to top button
Close
Close