header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaEeshiyaaOdeeyfannoo

Hooggantoonni Masrii fi Ertiraa Kaayiroo keessatti Mari’atan



Prezdaantiin Ertiraa Isayaas Afaworqii daaw’annaa guyyaa lamaatiif Kiibxata kaleessaa Kaayiroo kan seenuudhaan, Prezdaantii Masrii waliin haala naannawa galaana diimaatii fi baha Afrikaa irratti kan mari’atan tahuu Ejensiin Odeeyfannoo Masrii gabaase.

Mariin hooggantoota lamaanii kun biyyoonni naannawa Galaana Diimatii fi Baha Afrikaa sochii qophii waraanaa bal’aa yeroo gaggeessaa jiranitti tahuun isaa, naannichi waraana hamaa keessa seenu danda’a sodaan jedhu cimee jira.
keessumaayyuu dhuma baatii dabree keessa Suudaan Iddoola isii Su’akin jedhamtu Turkiyaaf dabarsitee eega kennitee booda, Masriin ammoo Emreets waliin tahuun torbaan dabre keessa loltoota Isii gara Ertiraa kan seensifte tahuu gabaasni Anaadooluu Niiwus ni addeessa. Kanuma hordofuun Suudaan daangaa Ertiraa waliin qabdu guutumatti cufuu beeksisuudhaan, Ambaasaddaroota Isii Asmaraa fi Kaayiroo irraa kan yaamte tahuu gabaasni Aljaziira ni ibsa.
Mootummaan Suudaan Masriin riphxee loltoota deeggarti jechuun kan himattu yoo tahu, Miidiyaaleen Masrii ammoo Suudaan hidha laga Abbayaa Itoophiyaan ijaraa jirtu deeggarti jechuun qeequ.

Itoophiyaan waldhabdee Ertiraa waliin qabduuf jechaa loltoota Kumatamaan lakkaayaman daangaa biyyoota lamaanii irraa kan qabdu yoo tahu, ammas dabalataan loltoota heddu gara daangaa kanaatti kan ergite tahuu gabaasni kun ni ibsa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button