header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannoo

Guutuu Addunyaatti lakkoofsi namoota COVID-19’n qabamanii 4,700,000 dabre

Guuttuu addunyaatti lakkoofsi namoota dhibee Koroonaa Vaayirasiin qabamanii hanga alhada har’aatti 4,700,000 dabre, lakkoofsi namoota sababa Vaayirasii kanaan du’anii immoo 315,173 gahe jira.

Biyyoota Addunyaa dhibee kanaan miidhamaa jiran jidduu Ameerikaan kan mataa yoo taatu, hanga guyyaa har’atti lammilee isii 1,515,966 dhibee kanaan qabamanii jiru, namoonni 90,346 kan du’an yoo tahu, 340,727 bayyanachuu odeeyfannoon ni addeessa.

Ameerikaatti aanuun Raashiyaa fi ispeen lakkoofsa namoota dhibee kanaan qabamanii guddaa qabatuun sadarkaa lammaffaa fi sadaffaa irratti argamu. Raashiyaatti hanga Alhada har’aatti namoonni 281,752, Akkasumas Ispeeniitti namoonni 277,719 qabamanii jiru.

Ameerikaatti ante lakkoofsa namoota du’anii guddaa qabatuun sadarkaa lammaffaa irratti kan argamtu Biritaaniyaa yoo taatu, hanga alhada har’aatti namoonni 34,636 sababa dhibee kanaan lubbuun dabruu gabaafame.

Ardii Afrikaatti Afrikaan kibbaa fi Masri biyyoota dhibeen kun keessatti hammaate yoo tahan, Afrikaa Kibbaatti namoonni 14,355 qabamanii, 261 du’anii jiru. Masri lakkoobsa namoota qabamanii 12,229 qabachuun sadarkaa lammaffaa, akkasumas lakkoofsa namoota du’anii 630 qabachuun sadarkaa tokkoffaa irratti argamti.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button