header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Mana Marii Naannoo Kibbaa keessatti Bakka bu’ootni Ummata Zoonii Wolaayitaa hojii gadi lakkisuu beeksisan

Mana Marii Naannoo Kibbaa keessatti Bakka bu’ootni Zoonii Wolaaytaa 38 xalyaa Dhaabbilee Mootummaa Naannichaatiif galchaniin akka ibsanitti, murtii miseensummaa mana marichaa keessaa bahuu irra kan gahan, gaaffii mirgaa ummanni Wolaaytaa ofiin of bulchuudhaaf sadarkaa naannootti akka ijaaramu gaafateef, manni marii naannoo Kibbaa deebisaa sirrii tahee kennuu diduu isaatiin tahuu beeksisan.
Haaluma kanaan Miseensotni zoonicha bakka bu’anii turan 38 hundinuu xalayaa waloo hojii gadi lakkisuu pirezdaantii naannichaa fi mana marii dabalatee qaamolee dhimmi ilaallatuuf galfatanii jiru. Walgahii Manni Marii Naannoo Kibbaa dhiheenyatti geggeessu irrattis akka hin hirmaanne tahuu beeksisan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button