header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Isra’eel baqattoota Afrikaa 40,000 biyya isiitii baasuuf kan qopheefte tahuu beeksifte

Isra’eel baqattoota lammiilee biyyoota Afrikaa 40,00 tahan hanga baatii April/2018 biyya isiitii humnaan baasuuf kan qopheefte tahuu beeksifte. Muummichi ministeera Isra’eel Benjamiin Netaniyaahuu ibsa guyyaa kaleessaa kenneen akka jedhetti,”Baqattoota Afrikaa 60,000 karaa seeraan alaatiin gara Isra’eel seenaan keessaa hanga ammaatti 20,000 ufirraa baasnee jirra. Baqattoota 40,000 hafan basuudhaaf guyyaa har’aa irraa kaasee hujii jalqabnee jirra” jedhe.

Kaabineen mootummaa Isra’eel jia November/2017 keessa Karoora kana raggaasise. Baqattoota Afrikaa hayyama malee Isra’eel keessa jiraatan keessaa 38,000 lammiilee Eritraa fi Sudaan akka tahe gabaasni kun ni mul’isa. Kanneen hafan ammoo lammiilee Itoophiyaa, Ugaandaa fi biyyoota Afrikaa biroo irraa akka ta’anii fi hundi isaaniituu hamma xumura baatii March 2018tti, biyyattii gad lakkisanii akka bayan yoo kaan ammoo hidhamanii kan darbaman tahuu mootummaan Isra’eel akeekkachiise.

Provide Kroger Feedback and get your hands on $25 Kroger Gift Card

Mootummaan Isra’eel baqattoota kanneeniif mallaqa Xayyaaraa kan kafalu tahuu ibsuun, Ugaandaa fi Ruwaandaan baqattoota kana akka fudhataniif kan walii galan tahuu beeksise. Haata’u malee Ugaandaan waliigaltee jedhame kana kan hin raawwatin tahuu himte.

 

Baqqattoonni gama isaaniitiin Isra’eel fedhii isaanii malee gara biiya isaan hin barbaadnetti darbuuf murteessuun, gabrummaaf nama gurguruudha jechuun mormaa jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button