header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooSaayinsiif Teknoolojii

Tajaajilli YouTube Sa’aa 1 oliif Addaan cite

Tajaajilli Youtube kan Sa’aa 1 oliif addaan citee ture amma deebi’ee dalagaa eegalee jira.

YouTube dhaabbata guddaa kaampaanii Google jalatti argamu yoo tahu, dhaabbilee akka sadarkaa addunyaatti humna jabaa qaban keessaa isa tokko. Guutuu addunyaatti namoota Biiliyoona 1.8 oltu YouTube fayyadama. kaampaaniin kun akka sa’aa biyya keenyaatti halkan naannoo sa’aa 11tti sababaa hin beekkamneen dhabbatee ture. Hojjattoonni dhaabbatichaatis hoggasuma gama twitter isaaniitiin rakkina jiru ibsanii dhiifama gaafatan.

Rakkinni kun yeroo ammaa furamee Youtube tajaajila kan eegale yoo tahu, maddi rakkoo kanaa maal akka tahe dhaabbaticharraa hanga ammaatti ibsi kenname hin jiru.

10 Comments

  1. qopheesitoota saganata Nuralahudaa s
    aganta keessan baayyee namatti tola haaluma kan itti fuffa jaazakalahu keeyeran

  2. as wr wb akkam jirtan qophesitoota qophi Nural hudaa sagantan keesan sittii namatti tola akkanumatti itti fufaa jzklh

  3. As al wr wb qopheyisitoota RNH sagantaan teeysan kan TV NuuralHudaa rattii dabarsitan fb fii wahtsap irrattiis hoordofaatiin jira JZ kumullaahu galannii keeysan jannatuul firdoos isniif hatahuu ja’a nuuf jajjabaadha nutiis rabbiin haala nuuf haamijjeeysu issiin faana jirra “

  4. Assalaamu Aalaykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhuu
    Akkam jirtu nagaa keessanii qopheessitootni Miidiyaa Nuural Hudaa?
    Baay’ee baay’ee qalbiin nu gammadde! Miidiyaalee Nuural Hudaa kanneen akka FB , WhatsApp, amma immoo Application Nuural Hudaas buufadhee odeeffannoo haarawaa yeroo yerootti argachaan jira.

    Sagantaaleen Raadiyoo, nashiidaaleen isin karaa Tv tamsaasa yaaliitiin dabarsaan jirtan baay’ee kan nama barsiisuu fi bohaarsuu dha. Rabbiin isin irraa haa jaallatu, jazaan keessan Jannatul Firdawsiin haa ta’u.

    Nutis hanga dandeettii keenyaa deeggarsa gochuun waan feenuuf , haalli nuuf mijataa jennaan akka deeggarru / Hordoftoota biyya keessa jirruuf / jechuudha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button