KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Itoophiyaatti Lakkoofsi Namoota COVID-19 qabamanii 50,000 dabre

Ibsa ministeerri Fayyaa fi Inistituutiin fayyaa hawaasa Itoophiyaa waliin tahuun kennaniin, sa’aa 24’n dabre keessatti namoonni 1468 COVID-19 qabamuu fi namoonni 23 du’u gabaafame.

Haaluma kanaan haga ammaatti Lakkoofsi Namoota biyyattiitti dhibee kanaan du’anii 793 yoo tahu, lakkoobsi namoota qabaman immoo 51,122 gahe jira.

Guutuu Addunyaatti lakkoofsi namoota COVID-19 qabamanii Walumaagalatti 25,304,741 gahu,  namooonni  848,715 du’u fi namoonni 17,628,227 ammoo bayyanachuu odeeyfannoo ni mul’isa.

Show More

...

Back to top button