header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Prezedantiin Taanzaaniyaa Covid-19 qabamuun Keeniyaatti yaalamaa jiraatuu gabaafame

Prezedantiin Taanzaaniyaa Joon Magufuliin Covid-19 qabamee hospitaala Keeniyaatti yaalama kan jiru yoo ta’u, haala lubbuu isaatiif yaaddessu keessa jiraachuullee hogganaan Paartii mormituu biyyattii Tundu Lissu BBCtti hime. Mr Lissuun akka himetti, Prezdaantichi vaayirasii koronaatiin qabamee dhukkubbiin waan itti hammaateef, Wixata dabre halkaniin waldhaansaaf gara Naayiroobitti geeffame. Prezdaant Magufuliin rakkoo Onnee qabaachuus hogganaan paartii mormituu kun himee jira.

Magufuliin hawaasatti eega mul’atee guyyoota11 kan lakkoofsise yoo ta’u, tarkaanfii too’annoo Covid-19 biyyatti keessatti fudhateen walqabatee hedduu qeeqamaa ture.

Ajaja Prezdaantichi dabarse hordofuun qondaaltonni fayyaa Taanzaaniyaa, lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii eega Caamsaa darbeetii asitti hin beeksifne. Akkasumas Taanzaaniyaan talaallii vaayirasichaas hanga ammaatti bituu diddee jirti.


Maanguddoon ganna 61 Joon Magufuliin tamsa’ina vaayirasicha qolachuuf qajeelfama WHO’n baase hordofuu osoo hin taane, manneen amantaa keessatti kadhaadhaa, istiimii biqiltoota qorichummaa qabanirraa qophaa’e ulaadhaa jechuun lammiilee biyyattii gorsaa ture.

Prezdaant Magufuliin Jalqaba ji’a kanaatis sirna awwaalcha qondaala mootummaa biyyattii tokko irratti argamuun, Taanzaaniyaan Covid-19 bara darbe injifattee jirti, baranas irra deebiin ni injifatti jechaa akka ture gabaafame.

Odeeyfannoo dhukkubsachuu Magufuulii kana waajjirri Prezdaantichaa ibsa har’a baaseen kan waakkate yoo tahu, hoggantoonni paartilee mormitootaa garuu, Magufulii dhukkubbiin itti hammaatee Naayiroobii irraayis gara Indiyaatti geeffamuu ibsaa jiran.

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button