header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ityoophiyaan Meeshaa Waraanaa Faransaay irraa bituuf gaafii dhiheessuun gabaafame

Miidiyaan Faransaay tokko akka gabaasetti, Ityoophiyaan Xiyyaarota Waraanaa, Helekoptaroota, Droonii fi Misaa’ela ibidda Niwukilaraa baadhachuu danda’u bitachuuf mootummaa Faransaay kan gaafatte tahuu ibsame. Akka gabaasa Miidiyaa Le Point jedhamuutti, bittaan meeshaa waraanaa Ityoophiyaan dhiheesite kun humna qilleensa biyyattii cimsuuf kan karoorfame akka taheefi, Dr. Abiy Ahmad Adoolessa dabre Prezdaantii Faransaay Imaanu’eel Makarooniif gaaffii kan dhiheesse tahuun beekamee jira.
Sanada gaaffii bittaa meeshaa waraanaa Ityoophiyaan liqiin Faransaay gaafatte kanaan, Jeettiiwwan waraanaa 12, Helikoptaroota 18, Xiyyaarota waraanni ittiin socho’u lama, Droonota 10, Meeshaa Elektrooniksii Danbaliin Raadiyoo ittiin ukkaamsamuu fi Misaa’ela M51 jedhamu kan ibidda Niwkilaraa baadhachuu danda’u 30 kan keessatti argaman tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Meeshaalee kanneen jidduu Misaa’elli M51 jedhamu Kilomeetra 6000 ol kan furguuggeffamu yoo tahu, Ityoophiyaa fi Faransaay walii galtee bittaa fi gurgurtaa Misaa’ela fageenya jiddu galeessaa dhoorku (nuclear non-proliferation) biyyoota mallatteessan waan tahaniif, Faransaay Misaa’ela kana Ityoophiyaaf gurguruun ishii mamsiisaa tahuu gabaafame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button