header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Jaappaan Atileetota Muslimaatiif Makiinaa Masjida ofirraa qabu qopheessite

Jaappaan, Atileetota biyyoota adduunyaa gara garaa irraa dorgommii Olompikii 32fffaa bara 2020 July 24 irraa hanga August 9, magaalaa Tookiyootti geggeeffamu irratti hirmaatan simachuuf qophii kan xumurte yoo tahu, Dorgommii Olompikii kana irrattiis Atileetoonni Muslimaa, keysummootaa fi daawwattoonni Muslimaa lakkoofsaan hedduu tahan ni argamu jadhamee tilmaamama. Isaan kanaaf Kaampaaniin ‘Yasu’ jedhamu makiinaawwan of-duubaa Masjida qaban, kan yeroo Salaanni gahe, Atileetotaa fi hirmaattoonni Muslimaa itti Salaatan qopheesuu beksise.

Kaayyoon kana godhuun barbaachiseefis, Atileetotaa fi Turistoonni Muslimaa rakkoo tokko malee Ibaadaa akka godhaniifi. Kabajaa Jaappaan keessummootaaf qabdu keessa dabarfatuufis akka tahe ibsame.

Bu’ureessaa fi hogganaan Pirojektii ‘Yasu’ Yasuharu Inoue “fedhiin keenya guddaan hanqina Masjidoota Jaappaan keessa jiruu furuufi. Atileetoonni Muslimaa biyyoota adda addaa irraa dhufan osoo hin shaaggalamne humna qabanitti fayyadamuun dorgommii kana irratti akka hirmaatan jajjabeessuufi. Daawwattoonnis shaggaala tokko malee hamilee fi gammachuun akka hordofan fedhii waan qabnuufi”jedhe.

Makiinaan Masjida of-duubaa qabu kun ulfina Toonii 25,000 baadhata. Yeroo tokkotti nama 50 kan keessummeessuufi ujummoolee bishaanii(Baambaa) Wudu’aa kan qabu tahuu, Akkasumas Iddoowwan dorgommiin itti geggeeffamu hunda socho’uun tajaajila ni kenna.

Akka qorannoon Yunivarsiitii Wasseda jedhamu bara 2018 baaseen, Jaappaan keessa Muslimoota 200,000 olii fi Masjida 105tu jira. Masjidoonni kunneen baay’inaan naannawa qarqarra magaalaa gudditti Tookiyootti argaman. Muslimoonni guyyatti yeroo 5 Salaatuun dirqama waan ta’eef, Masjida argachuuf hedduu kan rakkatan tahuu ibsame.

Lammiin Indooneezhiyaa magaalaa Tookiyoo keessa jiraatu kan Topan Rizkin Utraden jedhamu “Jaappaanitti Masjida argachuun hedduu nama rakkisa. Keessumattuu magaalaa guddoo alatti Masjidni hin argamu. Sababa kanaaf daandii irratti Salaanna”jedhe.

Mr Inoue “Muslimoonni Olompikii kanaaf dhufan iddoo dorgommiin itti geggeeffamu irraa fagaatanii Masjida barbaaduuf hin rakkataan. Iddoowwan hundatti konkolaataan Masjida qabu kun jiraatuun immoo rakkoo kanaaf furmata taha. Atileetoonni Muslimaa fi Turistoonni Masjida sosocho’aa kanaatti ni gammadu jedhee abdadha” jedhe.

Konkolaataa Masjida

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button