header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Yuuniversitiin Walaayittaa Sooddoo namuusa uffannaa fi rifeensa barattoota ilaalchisee  seera haarawa baase

Yunivarsitichi seera haarawa namuusa uffannaa fi rifeensa, barattootaa, Akkasumas hojjatootaa ilaalchisee baase , muddee 13,2013 irraa jalqabee kan hojii irra olchuu fi barattoota naamusa uffataa fi rifeensaa badaa agarsiisaniif bakka akka hin qabne beeksise.

Barataas ta’e hojjetaan yuuniversitichaa rifeensa sirnaan yoo hin sirreeffannee fi uffannaa naamusaan alaa uffatee yoo argame seeraan akka gaafachiisu bulchiinsi yuuniversitichaa akeekkachiise.

Yuuniversitichi namuusa uffannaa fi rifeensa dubartootaa ilaalchisee gochoota adabbii naamusaaf nama saaxilan jechuun  tarreesse jidduu ,  uffata bututaa fi qaamasaanii kanneen akka qomaa fi teessoo isaanii dirree baasee mul’isu , huccuu jilbaa olii uffachuu, rifeensa qalamii dibuu, shiitoo urgaan isaa nama jeequ dibachuu, kophee sagaleedhaan nama jeequ uffatanii daree barnootaa, mana kitaabaa fi laabraatoorii seenuun kan adabsiisu tahuu ibse.

Dhiironni ammoo rifeensa isaanii saantimeetira tokko ol akka hin caalletti sirreeffachuu qabu, rifeensatti danaa adda addaa baasuu fi bacancarsanii (qurcuuceessaanii) deemuun seeraan nama adabsiisu ta’u akeekkachiise.

Haaluma kanaan Seerri ittiin bulmaataa kun  Muddee 13, 2013  irraa eegalee kan hojiirra oolu yoo ta’u, hojiirra oolmaasaa qaamoleen nageenyaa yuuniversitichaa akka hordofaan ajaje.

7 Comments

  1. Maashaa Allah

    Raabbii kiyyaa keena akkaa biyyaati islaamaati teesa kaan akkaa bultuu nuu haa goodh

    ishaa allah
    haayyotii islaama akkaa irraatii jaajabeesti eragaa koo gaamanuma

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button