header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Jilli Sheikh Amiin Ibrootiin durfamu magaaloota adda addaa Sagantaa Da’waa eegale.

Jilli kun waggaa waggaan baatii soomanaa booda magaalota adda addaa keessa deemuun ummata kan dammaqsu yoo tahu, bara kanas sagantaa Da’awaa dhiheessuuf  gara magaalota adda addaatti imaluu kan jalqabe tahuu odeeyfannoon argame ni mul’isa.

 

Guyyaa hardhaatis godina Harargee lixaa magaalaa Karaatti ummataaf Da’awaa kan godhan yoo tahu, saganticha irratti hawaasni muslimaa magaalaa Kaarraa lakkoofsaan hedduu tahees irratti argamun qooda kan fudhate tahuu maddeen naannawa irra nuuf himan.

 

Sagantaa kana irratti keessumoonni hedduun kan argaman yoo tahu, keessumoota kanneen jidduu: sheikh Amiin Ibroo, Sheik Mika’iil, Sheikh Abdoosh, Munshid Abdulrahmaan Huseen keessatti argamu.

Jilli kun ammas gara magaalota birootis kan imalu tahuun beekameera.

Sagantaa Da'awaa Harargee lixaa1

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button