header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Gamtaan Awrooppaa xiyyaaronni Boeing 737 MAX 8 jedhaman ardii Awrooppaa keessa akka hin barrisne uggure

Balaa xayyaaraa guyyaa Alhadaa daandii xayyaara Itiyoophiyaa mudatee lubbuu namoota 157 galaafate hordofee biyyoonni garagaraa xayyaara Boeing 737 MAX jedhamurratti tarkaanfii garagaraa fudhatutti jiru. Xayyaarri kun rakkoo teekniikaa qaba jedhamee yaadama. Akkuma beekkamu ji’oota shaniin dura xayyaarri boeing 787 MAX 8 jedhamu kun Indonesia keessatti kufee caccabuun lubbuu namoota 189 galaafatee jira.
Sababa kanniiniin wal qabatee xayyaarri kun rakkoo teekniqaa qaba waan jedhamee yaadameef biyyoonni hedduun xayyaara kan irra uggura kaayaa jiru. Chaaynaa, Indooneeshiyaa, Yunaaytid Kingdom, Singaapoor, Awustraaliyaa, Arjantiinaa fi amma ammoo Gamtaan Awurooppaa xayyaara kanarra uggura kaayaniiru.
Gamtaan Awurooppaa akka jedhetti, rakkoon xayyaara Itiyoophiyaa mudate maal akka ta’e qoratamee hanga bu’aan isaa ibsamutti nageenya lammiileetiif jecha xayyaara kana dhoorkuun dirqama ta’eera jedhe. Xayyaaronni Turkiyaa lama kan eega lafaa ka’anii barrisuu jalqabaniin booda ugurri waan kaayameef akka of duuba deebi’an godhameera.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button